Tamsaasa Kallatti:

Godina Wallagga Bahaatti Lafa Hektaara Kuma 184 ol ta’u Boqqolloon Kilaasteraan Misoomeera

Hagayya 8/2018 (ENA) – Godina Wallagga Bahaatti qonna gannaa bara omishaa 2018/19tti lafti hektaara kuma 184 ol ta’u boqqolloon kilaasteraan misoomaa jiraachuu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Godinni Wallagga Bahaa lafa qonnaa bal’aafi biyyee gabbataa, akkasumas rooba gahaa kan qabuu fi naannoolee oomisha qonnaa ijoo ta’an keessaa tokko yoo ta’u; oomishoota naannichatti bal’inaan oomishaman keessaa oomishni boqqolloo isa tokkodha.

Godinichatti waggoota dhihoo asitti oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisuuf, qonnaan bultoota gurmeessuun mala qonna kilaasteratiin misoomsan, Teeknoolojii Qonnaa ammayyaa, Sanyii filatamaafi xaa'oo bal’inaan akka fayyadaman gochuuf sochiin guddaan taasifamaa turera.

Itti aanaa Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Bahaa Dr. Darajjee Biraanuu akka ibsanitti; bar-hojjetannaa kanaan zoonichatti lafti hektaarri kuma 831fi 816 midhaan adda addaatiin uwwifameera.

Lafa sanyiidhaan facaasame keessaa hektaarri kuma 184 fi 879 kilaasteraan boqqolloon misoomaa kan jiryu ta’uu eeranii; misooma kanarraa oomisha quntaala miiliyoona 10 argachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.


Aanaalee Godina Wallagga Bahaatti argaman hunda keessatti oomishoota bal’inaan oomishaman keessaa oomishni boqqolloo isa ijoo ta’uu eeranii, midhaannoo akka misingaa, xaafii, qamadiifi garbuu akkasumas oomishoonni midhaan dibataa bal’inaan akka oomishaman ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni malawwan qonnaa ammayyatti fayyadamuun caalaatti bu'a-qabeessaafi oomishtuu akka ta’u gochuuf; deeggarsi ogummaa, dhiyeessiin teeknoolojiifi galteewwan qonnaa, akkasumas hordoffiin dhiheenyaa ogeessota qonnaa sadarkaan jiraniin taasifamu cimee kan itti fufamu ta’uus dabalanii ibsaniiru.

Godinichatti oomishaafi oomishtummaa boqqolloo guddisuuf xaa'oo kuntaala kuma 550 dhihaate keessaa kuntaalli kuma 400 qonnaan bultootaaf raabsamuu dubbataniiru.

Gama Sanyii filatamaatiinis sanyii filatamaa boqqolloo kuntaala kuma 32 dhihaachuu ibsaniiru. Misooma kanafis qonnaan bultoonni kuma 152 ol hirmaataniiru.


Qonnaan bultoota misooma kanaan hirmaachaa jiran keessaa Qonnaan Bulaa Abduu Sixootaaw akka dubbataniitti; waggoota lamaan darbanitti mala kilaasteraan Boqqolloo bal’inaan misoomsaa turuusaanii ibsaniiru.

Kanaanis waggaa darbe oomishtummaan isaanii fooyya’uu fi sanyii filatamaa fayyadamuun lafa hektaara tokko irraa oomisha kuntaala 43 argachuu isaanii yaadachiisanii; bara kanas bu'aa fooyya’aa argachuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan Bulaa Addisuu Tashoomaa gama isaaniitiin; gorsa ogeessota qonnaa hojiirra oolchuun sanyii filatamaafi xaa'oo dhihaateef sirnaan fayyadamuun oomishtuu ta’uuf ciminaan hojjechaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015