Golambaa Harar Seena Qabeessa - ENA Afaan Oromoo
Golambaa Harar Seena Qabeessa
Dallaa Jugol kan baroota ce'e, daandiiwwan dhiphoo seenaa fi aadaa dhokatoo iccitii hasaasan, akkasumas ifa addaa kallattii hundaan calaqqisudha.
Baha Itoophiyaatti kan argamtuu fi Dhaabbanni Baarnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Biyyoota Gamtoomanii (UNESCO) hambaa addunyaa gochuudhaan kan galmeesse, magaalaan dinqisiiftuun kun, magaalaa qofa miti. Lafa jaalalli irraa maddu akka ta’e seenaatu raga baha.
Yeroo, aadaa fi amantaa keessa kan darbu imala seenaa fi qalbii addaa kan qabattedha.