Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee! - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee!
Sagantaan Ashandaa Magariisaa biqiltuu dhaabuu ykn naannoo miidhagsuu caalaa akka ta’e agarsiisaa jira; misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura eegsisuuf, misoomsuu fi cimsuuf tarsiimoo jalqabbii biyyaalessaati.
Sochiin biyyaalessaa guddaan kun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabnu cimsuu qofa osoo hin taane, sirna ikoo uumamaa keenya sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa lafa magariisaa taasisaa jira.
Itiyoophiyaan dandeettii mataa ishee fi tattaaffii waloo lammiilee isheetiin qabeenya uumamaa ishee eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneesse yoo ta’u, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu keessatti biyyoota biroof fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u milkaa’ina ummataa ta’uu hojiiwwan waggoota darban keessatti raawwataman mirkaneessee jira.
Qabeenya uumamaa eeguun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaa, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi guddina dinagdeefis bu’aa olaanaa qaba. Kanaafidha Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu isa ijoo taasifnee wabii nyaataa fi dinagdee keenya cimsuuf kan hojjenne.
Dhaloonni kun qabeenya uumamaa isaa tiksuu fi misoomsuun fedhii bara kanaa guutuu bira darbee Itoophiyaa badhaatee fi mo’amuu hin dandeenye dhaloota itti aanutti dabarsee kennuuf itti gaafatamummaa qaba.
Itoophiyaa boruuf bu'uura cimaa fi amanamaa kaa'uuf piroojektoonni misooma magariisaa qindoominaan jalqabne cimee itti fufa.
Itti aanaa ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa