Tamsaasa Kallatti:

Konsoo: Aadaa fi Ogummaa Qonnaa walitti qindaa'e.

‎Naannoo Kibba Itiyoophiyaa, Godina Konsoo keessatti, lafti gaarreen irraa fi tabbaawwan olka’oo qabu, uumamaa fi ogummaa ilma namaa walitti makuun, bifa lafaa ajaa’ibsiisaa fi bareedaa uumeera.

‎Ummanni Konsoo waggoota dheeraaf lafa gaara bu'aa ba'iin itti heddummate dhagaa fi biyyeen daangessuun, ittisuun akkasumas sirnaan tarreessuun, gara lafa qonnaaf mijataa fi oomishaa ta’etti jijjiireera.

‎Hojii harkaan raawwatamu kun lafti akka hin mancaane, biyyeen rooba irraa kan ka’e akka hin dhiqamne taasisee, naannicha qonna walmakaa (agroforestry) fi hojiiwwan qonnaa adda addaatiif mijataa taasiseera.

‎Hojiin daagaa Konsoo kun ogummaa ajaa’ibaa eegumsa qabeenya uumamaa of keessatti qabatee, amaloota addaa hedduu qaba.

‎ Naannoon kun hojii eegumsa naannoo fi aadaa isaa addaa ta’eef, bara 2011tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ‘UNESCO’n Hambaa Addunyaa ta’ee galmaa’eera.

‎Daagaan Konsoo, uumamaa wajjin walsimnee jiraachuu akkasumas cimina, obsaa fi kutannoo ilma namaa kan agarsiisu mallattoo guddaadha.

‎Ummanni Konsoo har’as hambaa ajaa’ibaa fi bareedaa kana eegaa, kunuunsaa fi dhalootaa dhalootatti dabarsaa jira.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015