Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira
Hagayya 07/2018 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira
Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoon sadarkaa gara garaa Wiirtuu Tajaajila tokkoo Masoob Aanaa Maannaa daawwataniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob magaalotaa fi aanaalee keessatti babal’achaa jiru tajaajila mootummaa duraan bifa bittinnaa'een kennamaa tureefi qisaasama yeroo fi baasii hin malleef hawaasa Saaxilaa ture bu'uurarraa furuun itti quufiinsa maamilaa dabalaa akka jiru Obbo Awwaluun ibsaniiru.
Yeroo ammaa kanattis magaalotaafi aanaalee Oromiyaa 96 keessatti baballachuun kaayyoo qabameef milkeessaa akka jirus himaniiru.
Wiirtuun tajaajila tokkoo Masoob Bulchiinsa Aanaa Maannaa tajaajiloota 88 seekaroota aanichaa 10 irraa fooddaawwan 9 fi ogeeyyii 43 ta'aniin tajaajila kennaa jira.
Daawwannaa kanarratti Ittigaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliifi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee Bulchoota Godinaaleefi Kantiibota Magaalota ollaa dabalatee qaamoleen gara garaa argamuusaanii odeeffannoon BKO argame mul’isa.