Naannoo Harariitii dureeyyii Eeyyama Invastimentiif Lafaa fudhatanii gara ijaarsaa fi oomishtummaatti hin seenne irraatti tarkaanfiin fudhatame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitii dureeyyii Eeyyama Invastimentiif Lafaa fudhatanii gara ijaarsaa fi oomishtummaatti hin seenne irraatti tarkaanfiin fudhatame
Hagayya 7/2018 (ENA)፦ Naannoo Harariitii Dureeyyii Eeyyama invastimentii fi lafa fudhatanii gara ijaarsaa fi oomishtummaatti hin seenee 12 irraatti tarkaanfiin fudhatamuusaa Biiroon Misooma Intarpraayizii fi Industirii Naannichaa beeksise.
Itti aanaa hogganaa biirichaa Hamdii Salahaaddiin ENA’f akka ibsanitti, mootummaan naannichaa dureeyyoota eeyyama invastimentii irratti Bobba'anii jiraniifii haaraa bobba'aniif haala mijataa uumaa jira.
Kanaan alattis sochii dureeyyii haala isaan irratti argaman illaalchisee daawwannaa dirree taasisudhaan, waliigaltee seenan irratti hundaa'un gara hojiitti kanneen hin seenne irratti tarkaanfii fudhatamaa jiraachuusaas eeraniiru.
Dureeyyoota mootummaa irraa hayyama invastimentiif lafa fudhatani misooma naannichaa ariifachiisuuf waan ta'eef gumaacha isaanii gumaachuu akka qaban dhaamaniiru.
Haaluma kanaan, labsii, dambii fi qajeelfama invastimantii naannichaatiin kanaan dura hayyama invastimantiif lafa fudhatanii gara hojiitti kan hin seenne fi ijaarsa kan harkifachiisan dureeyyoota 3 irratti Eeyyamni Inveestimentii isaanii haqamuu dubbataniiru.
Akkasumas lafa fudhatanii akka waliigaltee isaaniitti gara hojii ijaarsaa kan hin seennee fi ijaarsa sheedii xumuranii gara oomishtummaatti kan hin seenne dureeyyota 9 irratti immoo tarkaanfiin hayyama dhorkuu fudhatamuu beeksiisaniiru.
Dabalataanis , Eeyyama invastimentiif lafa fudhatanii adeemsa ijaarsaa harkifachiisan dureeyyota 7’f akeekkachiisni kennamuusaa ibsaniiru.
Tarkaanfii fudhatamu birattis abbootiin qabeenyaa rakkoolee isaan qunnaman furuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Bara baajata xumurametti naannichatti dureeyyota 96 kaapitaala birrii biliyoona 3 tuqaa 6 ol galmeessataniif Eeyyamni invastimentii kennamuu isaas eeraniiru.
Dureeyyota kanaaf hayyamni inveestimentii kan kenname damee maaniufaakcharingii, hotela, qonnaa, wiirtuu gabaa fi dameelee biroo irratti bobba'uuf gaaffi dhiyeessaniif ta'uu dubbataniiru.