Tamsaasa Kallatti:

Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenne

‎‎Hagayya 07/2018 (ENA)-Godina Shawaa Kaabaatti Abbaan Taayitaa Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenneera.

‎Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalatti Dursaa Garee qorannoo fi qo'annoo Dr.Itaagenyi Asras sagantaa kana irratti haasaa taasisaniin Kaayyoon galmeefi beekkamtii kennuu Golambaafi Giddu gala Aadaa; duudhaa, aadaafi seenaa hawaasni kunuunsee asiin gahe calamatti akka kunuunfaman taasisuun sadarkaa biyyaa fi Idil Addunyaatti beeksisuuf ta'uu ibsanii jiru.

‎Hojiin kun tajaajila Golambaalee si’eessuun qabiyyee Golambaalee kan gabbisuufi tajaajila yeroon gaafatu kennuu kan dandeesisu ta'us himanii jiru.

‎‎Saganticharratti Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa Obbo Admaasuu Gaaggaa akka jedhanitti Biiroon Aadaafi Turizimii Aadaa,safuu fi duudhaa uummatichaa lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta'uu ibsuun,sirni beekkamtii guyyaa har'aa kenname hanga ammaatti hojii hojjetame galateeffachuun,gara fuula duraatti akka naannoo fi biyyaatti Golaambicha beeksisuufi guddisuuf hojii caalmaan akka hojjetamu imaanaa kennuu akka ta'e himanii jiru.


Akka Naannoo Oromiyaatti Golambaan kun sadarkaa 5ffaa irratti kan galmaa'e ta'uu himuun,‎waraqaan beekkamtii kuni sirna itti gaafatamummaa waliin kan kenname akkasuma sirni beekkamtii kuni caalmaatti aadaa,duudhaafi seenan uummatichaa akka beekamu qooda olaanaa qabachuus himanii jiru.

‎Itti gaafatamtuun Giddugala Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonnin akka jedhanitti Uummanni Salaalee, aadaa,duudhaa fi seenaa dilbii kan qabu ta'uu himuun,uummatichi qabeenya kana kunuunseefi eegee gurmeessuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf Golaambaatti fayyadamaa jiraachuu ibsanii jiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015