Tamsaasa Kallatti:

Miidiyaaleen hojii isaani keessatti faayidaa biyyaaleessaa gidduugalaa taasisuu qabu

Hagayya 7/2018 (ENA): Miidiyaaleen hojii isaani keessatti faayidaa biyyaaleessaa gidduugalaa taasisuu akka qaban Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti waliitti qabaan koree Dhaabbi dhimmoota Dimokraasii Obbo Iwunatee Allanee ibsan.

Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa sirna to'annoo miidiyaa cimsuuf dandeessisu waliigaltee waloo dhaabbilee adda addaa waliin mallatteesseera.

Waliigaltichas Hoggantun Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Haaymanot Zallaqaa hojii gaggeessitoota dhaabbilee waliin mallatteessaniiru.

Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Waliiti qabaan koree Dhaabbi Dhimmoota Dimokraasii Obbo Iwunatee Allanee akka jedhanitti, miidiyaaleen ijaarsa biyyaa fi dhalootaa keessatti shoora qabaachuu ibsaniiru.

Bara ammaa kana odeeffannoon sobaa babal'achuu fi gaazzexeessummaan, akkasumas rogeessuumman walitti makamuu isaanii eeraniiru.

Meeshaan guddaan biyyaa fi dhaloota ijaaru lolaa fi walitti bu'insaaf oolaa akka jiru kaasanii, kunis dandeettii to'annoo miidiyaa dijiitaalaa kan qoru ta'uu ibsan.

Dhiibbaa gama miidiyaa dijiitaalaan dhufu to'achuuf imaammanni dandeessisu akka barbaachisus dubbataniiru.

Faayidaan biyyaaleessaa, nagaa fi tasgabbiin uummataa xiyyeeffannoo guddaa hojii miidiyaalee ta'uu akka qabu eeranii, kanaafis sirna uumuu fi muuxannoowwan fudhachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Labsiin bilisummaa odeeffannoo isa kanaan duraarra haala fooyya'aan qophaa'uu kan ibsan Obbo Iwunatee Allanee, dhaabbileen odeeffannoo miidiyaaleef banaa gochuun dirqama isaanii ta'uus eeraniiru.

Nagaa fi guddina biyyaatiif tattaaffii qindaawaa gochuun akka barbaachisu kaasanii, miidiyaaleen carraa kanatti sirnaan fayyadamuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015