Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Waggoottan Shanan darbanitti pirojektoonni kuma 96 caalan ijaaramanii tajaajilaaf ooluu isaanii Obbo Awwaluu Abdii ibsan

Hagayya 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti tajaajila kennamu ammayyeessuu fi itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuufi ijaarsa dhaabbilee ammayyaa cimsuun itti fufee jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbataniiru.

Itoophiyaatti sadarkaa adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, birookraasii fi hir'ina hojimaata ammayyaa dhaabbilee mootummaa keessatti mul'atan bu’uurarraa furuuf hojiileen riiformii biyyaalessaa hojjetamaa turaniiru.


 

Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatitti waggoottan dhiyoo asitti hoj maatileen Itti quufinsa hawaasaa mirkaneessan, hojimaata iftoomina fi si'aa’ina kan qabu gochuuf akkasumas fayyadama teeknoolojii irratti hundaa'uun fooyya'insi dhaabbilee taasifameera.

Sochii tajaajila ammayyeessuu fi dhaabbilee ammayyaa ijaaruu kunis rakkoo birookiraasii fi malaammaltummaa hir'isuu; tajaajiloota dijitaalessuu, wiirtuulee tajaajilaa ammayyaa ijaaruu fi caasaa mootummaa fi humna namaa fooyyessuu keessatti bu'aawwan gurguddoon akka galmaa’an taasiiseera.

Walumaagalatti hojiileen ijaarsa teeknoolojii fi dhaabbilee naannichatti hojjetamaan gaaffilee bulchiinsa gaarii deebisuu bira darbee, sochii hawaasummaa fi dinagdee naannichaa ariifachiisuuf haala mijaataa uumaa jira.

Har'as qaama tattaaffii kanaa kan ta'e fi baasii birrii biliyoona 1 caaluun kan ijaarame Gamoon Waajjira Bulchiinsa Godina Jimmaa eebbifameera.


 

Sirna eebbaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,fi Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akkasumas hoggantoonni sadarkaa Federaalaafi naannoo argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera.

Obbo Awaluu Abdi akka jedhanitti; waggoota shanan darban keessatti hojiilee hojjetamaniin pirojektonni misoommaa 96 kuma caalan ijaaramaanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru

Pirojektoonni kunnis gaaffii hawaasaa giddu-galeessa kan godhatan ta'uu eeraniiru.

Dabalataanis naannichatti wiirtulee tajaajila tokkoo (Masoobi) 96 ijaaramaanii tajaajila si'ataa kennaa akka jiran ibsaniiru.

Gara fuulduraattis waadaa ummata keenyaaf seenne hojiin dhugoomsuuf gahee fi itti gaafatamummaa keenya bahachuuf cimsinee hojjenna jedhaniiru.

Walumaagalatti naannichatti yaadama 'Ida’amuun ' hojiileen raawwataman dameelee Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee keessatti jijjiama guddaa fiduu isaanii ibsaniiru.

Gama biraatiin Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka jedhanitti; Paartiin Badhaadhina naannichatti dinagdee cimaa ijaaruuf, barnoota fi teknoolojii babal'isuuf akkasumas tajaajila ammayyaa kennuuf tattaaffiin taasiise bu'a qabeessa ta'uu dubbataniiru. 


Waggoota ja’aa fi torban darban keessatti naannichatti guddina dinagdee olaanaan galmeeffamuu isaas akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Dabalataanis omishtummaa guddisuu fi carraa hojii babal'isuu keessatti paartichi waadaa ummataaf seene bahachaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru.

Gamoon bulchiinsaa har'a eebbifame kun kutaa 125 kan qabu fi sekteroonni mootummaa 17 tajaajila keessatti kan kennan ta'uu kan ibsan immoo Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir ti.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015