Tamsaasa Kallatti:

Chelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'e

Hagayya 7/2018 (ENA): Cheelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'uu beeksise.

Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Cheelsii Enzoo Fernaandeez fudhachuuf fedhii akka qabu himamaa jira.

Cheelsiinis Maanchistar Siitiin taphataa kanaa bituuf gaaffii nanbitaa daangaa guyyaa keessatti dhiheesuu danda'u murteeseera.

Maanchistar Siitiin hanga Jimaata galgalaatti qofa Yuuroo miliyoona 120( £120) Cheelisiin beeksiseera jedhameera.

Cheelisiin guyyaa kanaan booda Maanchistar Siitiin gaaffii taphaticha bituu yoo dhiheesse taphaticha akka hin gurgurre ibseera.

Daangaa yeroo gurguraa kaa'ame kanas bakka buutota Maanchistar Siitii fi taphaticha beeksisuu isaa kilabichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015