Yaa’iin Marii Biyyaalessaa haala karoora qabameen milkiin adeemsifamaa jira – Komishinicha - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa haala karoora qabameen milkiin adeemsifamaa jira – Komishinicha
Hagayya 7/2018 (ENA):Yaa’iin Marii Biyyaalessaa karooruma qabame irratti hundaa'uun milkiin adeemsifamaa akka jiru Itti Aantuun Komishiinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Hiruut Gabra-Sillaasee ibsan.
Itti Aantuun Komishiinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Hiruut GabraSillaase
Ibsa kanaanis, yeroo ammaa gamtaan miseensota 500 irraa ijaarame ajandaalee gareen irratti mari'achaa turan irratti waliigaltee irra ga'uun yaada furmaataa dhiyaate irratti mallatteessanii xumuraa jiraachuu isaanii ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti wal-dhabdeen yaadaa fi dhimmoonni falmisiisoon jiraachuu kan ibsan, Komishinarri kun; kanaanis falmiin yaada irratti godhamuun mariin kun hagam barbaachisaa akka ta'e kan ittiin mirkaneeffannedha jedhaniiru.
Yaadolee hedduu irratti wal-dhaggeeffachuun gara yaada tokkootti dhufuu isaanii eeruun, ammas gareewwan saddeettan dhimmoota hedduu irratti walii galuun hojii isaanii xumuraa jiraachuu isaanii addeessaniiru.
Fuulduraattis gareewwan saddeettan kun yaadolee furmaataa irratti walii galan wal-simsiisuu (harmonize) gochuu kan danda'u gareen akka ijaarame ibsaniiru.
Gareen kunis hojii isaa har'a waaree booda kan jalqabu ta'uu ibsaniiru.
Gareen hundaa'e kunis hojiin inni hojjetu waliigala yaada furmaataa dhiyaatuuf walfakkattummaa akka qabaatu kan taasisu ta'uu ibsaniiru.