Tamsaasa Kallatti:

Yaa’ii marii biyyaaleessaa irratti yaadota adda addaa bilisummaan akka dhiyaatan gochuun rakkoolee mariidhaan furuuf carraa bal'aa uumeera - Hirmaattota

Hagayya 7/2018 (ENA):Yaa’iin marii biyyaaleessaa Itoophiyaa irratti yaadotni adda addaa bilisummaan akka dhiyaatan gochuun, rakkoolee turaniif mariidhaan furmaata kennuuf carraa bal'aa uumuu isaa hirmaattonni ibsan.

Yaa’iin marii biyyaaleessaa Itoophiyaa walii galaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira.

Hirmaattonni kuma afur ta’an biyya keessaa fi ala jiran uummata Itoophiyaa bakka bu'an ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti waliigaltee uumuuf marii’achaa jiru. 


 

Hirmaattonni yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, yaadotni marii sana irratti ka'aa jiran ijaarsa biyyaa waaraatiif gumaacha guddaa kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

Hirmaattota keessaa dhaabbata hawaasa siivikii bakka bu'uun kan hirmaachaa jiran Doktor Abdiisaa Abbabaa akka ibsanitti, marii kana irratti kutaan hawaasaa Itoophiyaa guutuu irraa walitti babba'an hirmaachaa kan jiran yoo ta'u, kanniin hirmaatan hundi yaada isaanii bilisummaan dhiyeeffachaa jiru.

Marichi yaadotni adda addaa daangaa malee akka ka'an carraa uumuu isaa eeranii; kunis rakkoolee bifa hirmaachisaa ta'een mari'achuudhaan har'aaf qofa osoo hin ta'iin boruufis furmaata waaraa fiduuf kan gargaarudha jedhaniiru.

Yaadotni hirmaattotaan ka'aa jiran Itoophiyaa gara nagaa waaraa, ol'aantummaa fi guddinaatti ceesisuuf kan gargaaran ta'uu ibsanii; adeemsichi ijaarsa sirna dimokiraasii biyyaattiifis gumaacha ol'aanaa qaba jedhaniiru.

Bakka bu'aan Paartii Sosocho'a Bilisummaa Sidaamaa Obbo Simaachaw Engisoo akka ibsanitti, seenaa Itoophiyaa keessatti uummanni hedduun bakka tokkotti walitti dhufuun yeroo mari'atu kan jalqabaati jedhaniiru; yaadota marii sana irratti ka'an irratti mari'achuudhaan gara waliigaltee tokkootti dhufamaa akka jiru eeraniiru.


Marichi rakkooleedhaaf furmaata waaraa kennuuf carraa guddaa uumuu isaa eeranii; kunis biyya fooyyoftuu dhaloota dhufuuf dabarsanii kennuuf kan gargaaru ta'uu dubbataniiru.

Mariin biyyaaleessaa kun Itoophiyaan sabdaneessummaashee jabeessuudhaan Afrikaa bira dabartee Sadarkaa Idil-Addunyaatti shoora gaarii akka taphattu kan taasisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015