Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechaa jira – Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechaa jira – Awwaluu Abdii
Hagayyaa 7/2018(ENA) : Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Guyyaa har'aa Gamoon Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Awwaluu Abdii fi Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akkasumas hoggantoonni sadarkaa Federaalaafi naannoo argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera.
Sirna eebbaa kanarratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Mootummaan jijiiramaa fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf xiyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.