Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaan lafa hektaara kuma 916 ol irratti midhaan gosa adda addaatiin facaafameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaan lafa hektaara kuma 916 ol irratti midhaan gosa adda addaatiin facaafameera
Hagayya 7/2018 (ENA): Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaa bara kanaatiin lafti hektaara kuma 916 ol ta’u misooma midhaan adda addaatiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Godinni Shawaa Lixaa Naannoo Oromiyaa keessatti qabiyyeefi omishtummaa qonnaatiin bakkeewwan beekamoo ta’an keessaa isa tokkodha.
Lafti godinichaa irra caalaan baddaa fi Baddaadaree qonnaaf mijataa ta’e kan qabu yoo ta’u, naannichattis irra caalaatti Mishingaa, Xaafii, Qamadii, Garbuu, Boqqolloo akkasumas midhaan zayitaa omishuun ni beekama.
Ogeessi Misooma Midhaanii Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Dajanee Dabuushee ENA’f akka ibsanitti; godinichatti bara omishaa 2018/19 keessatti lafa hektaara kuma 902 fi 892 misoomsuuf karoorfamee, karoora oliin lafti hektaara kuma 916 fi 735 sanyii midhaan adda addaatiin facaafameera.
Karoora omishaa kana galmaan gahuufis galteewwan qonnaatti fayyadamuu, lafa deddeebisanii qotuu, sararaan facaasuu fi aramaa ittisuu irratti xiyyeeffannoon kennameera.
Omisha fi omishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoo kennameen midhaan irra caalaan kilaataraan kan facaafame yoo ta'u, misoomicharrattis qonnaan bultootni kuma 344 ol hirmaataniiru.
Ogeeyyiin qonnaas qonnaan bultoonni mala kilaasteraan qotuu fi tooftaawwan biro fooyya'an akkasumas galteewwan qonnaatti fayyadamuudhaan facaasanii omishtummaa isaanii akka dabalan deeggarsa gochaa akka jiran Obbo Dajaneen dubbataniiru.
Sanyiiwwan facaafaman keessaa kanneen dursaa facaafaman dhiyeenya kana maasii irratti haala gaarii irra akka jiranis ibsa isaaniitiin eeraniiru.
Godinichatti Qonnaan Bulaa Aanaa Amboo Mul’ataa Guutamaa; qonna gannaan kanaan omisha gaarii argachuuf lafa hektaara tokko deddeebisanii qotuun qamadii fi garbuu facaasuu isaanii dubbataniiru.
Malawwanii fi galteewwan ogeeyyii qonnaatiin kennamanitti fayyadamuun omisha gaarii argachuuf hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.