Tajaajilli Qorannoo fi Qo'annoo Hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessuun bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Qorannoo fi Qo'annoo Hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessuun bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira
Hagayya 7/2018 (ENA): Tajaajilli Qorannoo fi Qo'annoo Hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessuun bu'aa qabatamaa garsiisaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Tamasgeen Dabaloo ibsan.
ENA fi Yuunvarsiitiin Bulee Horaa dhimma waloo waliin irratti hojjechuu danda'an irratti marii gaggeessanii jiru.
Pirezidaantiin YuunvarsiitichaaDr. Tamasgeen Dabaloo; Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee hawaasaa, Albuuda, Qonna, qabeenya beeyladaa fi damee fayyaa irratti hojii qorannoo fi qo'annoo bu'a qabeessa hojjechaa jiraachuusaanii eeraniiru.
Tajaajilli qorannoo fi qo'annoo hawaasummaa Yuunivarsiitichaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun bu'aa guddaa kan agarsiisaa jiru ta'uu ibsan.
Gara fuulduraattis Yuunvarsiitichi hojii qorannoo fi misoomaa hojjetu uummata biraan gahuuf ENA waliin hojjechuuf qophii ta'uu isaanii beeksisaniiru.
ENA’n hojiilee Yuunivarsiitichaa uummatatti beeksisuu fi hojii bifa biyyaa ijaaruu irratti shoora murteessaa taphachuu akka danda'uu ibsaniiru.
Itti Aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Tafarraa Baqqalaa gama isaaniitiin, ENA'n tokkummaa uummataa fi faayidaa biyyaalessaa kan cimsu oduu fi dhimmoota oduutti hidhata qaban uummata biraan gahaa jiraachuu eeraniiru.
Hojiileen qorannoo, qo'annoo fi misooma hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu irraatti hojjachaa jiruu qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Kanaanis, bal'inaan dhaqqabumma ENA cimsuudhaan bu'aawwan qorannoo fi qo'annoo Yuunvarsiitiin Bulee Horaa maddisiisu uummata biraan gahuuf waliin kan hojjetan ta'uu mirkaneessanii jiru.
Gara fuulduraattis beekumsa hawaasa naannoo fi dandeettiiwwan jiran beeksisuu irratti ENA’n qooda isaa kan bahu ta'uu dubbataniiru.
ENA fi Yuunvarsiitiin Bulee Horaa waliigaltee waloo waliin hojjechuuf isaan dandeessisu Adoolessa 9 bara 2018 mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha.
Waliigaltee kanaanis Yuunivarsiitichi hojiilee qorannoo fi beekumsa hawaasaa irratti hojjetu uummata biraan gahuuf haala mijaataa kan uumu ta'a.