Tamsaasa Kallatti:

Iddoon Pirojektii Finnaa Haaraan Hojjetamuuf karoorfame daawwatame

Hagayya 7/2018 (ENA): Jilli Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaan durfamu Godina Harargee Lixaaa Aanaalee sadiitti Iddoo Ijarsa Piroojectii Finnaa haraa itti hojjatamuf karoorfamee Dawwatan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya Horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa jijjiiruun dinagdee damdameessa ijaaruuf sochii taasifamu utubuuf pirojektoota Finna Oromiyaa qorachuun gara hojiitti galeera.

Pirojektiin Finnaa Oromiyaas rooba roobee lolaa lola’u walitti qabuun bifa ittiin misoomni qonnaa itti gaggeeffamurratti xiyyeeffachuun pirojektii bocameedha.


 

Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’essoo Ganda waltaanee,Aanaa Daroo Labuu Laga labuu fi Aanaa Hawwi Guddinaa Ganda Cophiitti waliigala Finnaa haraa 3 ijaaramuuf karoorfamee jira.

Jilli Hogganaa Birichaa Injiinar Girmaa Raggaasaan durfamuu daawwannaa hojii gaggeesse jira.

Sagantaa Daawwaannaa kana irratti Gorsaa Bu’uraalee Jallisii Pirezdaantii Oromiyaa Ambaasadar Shifarraa Jaarsoo dabalatee,Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Misooma jallisii Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaa, Bulchituu Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xaahaa, Koree Naannoo fi Godinaa fi Gorsitootni ogeessota biirichaa argamanii jiru.

Daawwannaa hojii kanaan Aanaalee sadanittuu iddoon ijaarsi pirojektii Finnaa itti ijaaramuuf karoorfame ilaalamuun mirkana'ee jira.


 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015