Itoophiyaaf Ulaa Galaanaa Argachuun Maaliif Dirqamaa Ta’ee? - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaaf Ulaa Galaanaa Argachuun Maaliif Dirqamaa Ta’ee?
Dhimmi Ulaa Galaanaa dubbii siyaasaa yeroo gabaabaa ykn fedhii sa'aatii muraasaa miti.
Biyya uummata miliyoona 130 ol qabduuf, gaaffiin kun dhimma jireenyaa, guddina dinagdee fi nageenya biyyaalessaa itti fufiinsa qabuudha.
Biyyi tokko guddina dinagdee ishee guutummaatti Ulaa Galaanaa biyya biraa irratti hirkattee jirti yoo taa’e, dinagdeen ishee yeroo kamiyyuu sodaa keessa jiraata.
Haala saayinsaawaa, dinagdee fi Seera Idil-Addunyaatiin yoo ilaalle, sababoonni ijoon gaaffii kanaa kanneen gadiiti:
1 . Baasii biyyaatti hir’suu
•Itoophiyaan meeshaalee alaa galchitu fi gara alaatti ergitu %95 ol karaa Jibuutii qofaa fayyadamti.
Kanaafis waggaatti kaffaltii tajaajila buufata Ulaa Galaanaa fi dooniidhaaf qarshii doolaara biliyoonan lakka’amuu baasti.
•Baasiin kun gatii meeshaalee biyya keessa irratti dabaltaa uuma, akkasumas sharafa alaa biyyattiin ittiin misooma biroo gaggeessuu dandeessu jalaa fudhata.
2 . Baay'ina uummataa fi guddina diinagdee ariifachiisa
•Addunyaa irratti Itoophiyaan biyyoota Ulaa Galaanaa hin qabne taatee garuu ammoo biyyoota uummata baay’ee qaban keessaa tokkooffaa ta’uun ishee, gaaffiin ulaa galaanaa dirqama ta’usaa agarsiisa.
•Dabalataaniis Ulaa Galaanaa mataa isee qabaachuun guddina industirii fi hojii uumuuf iddoo guddaa qaba.
•Hundaa ol dinagdeen Itoophiyaa gama hundaanu ariitidhaan guddaacha waan jiruuf Gabaa Addunyaa barbaada.
Qaqqabummaa gaba addunyaatiif ammo Ulaan Galaanaa baay’ee barbaachisaadha.
3 Haala Seera Idil-Addunyaa
•Seera Galaana Idil-Addunyaa keessatti, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirga galaana fayyadamuu, Daldala Idil-Addunyaa irratti hirmaachuu fi daandii geessituu ulaa galaanaa argachuu akka danda'an ni heyyaama.
•Gaaffiin Itoophiyaas haala Seera Idil-Addunyaa kana irratti hundaa'uudhaan mirga dinagdee ishee kabachiifachuuf ni hojjetti.
4. Haala Siyaasaa fi Nageenya Gaanfa Afrikaa
•Galaanni Diimaan sarara Daldala Addunyaa irratti bakka murteessaadha.
Itiyoophiyaanis sarara kana irratti qooda fudhattee, nageenyaa fi tas-gabbii naannichaaf gumaacha guddaa bahachuu qabdi.
•Itoophiyaan Seenaa ishee keessatti galaana waliin hidhata cimaa kan qabdu yoo ta'u, dhabamuun ulaa galaanaa yeroo dhihoo keessa mudateen guddina isee irratti gufuu guddaa ta'eera.
Kanaafuu guddina arifaachisa kana itti fufsiisu ulaan galaana barbaachisaadha.
5. Yaadama waliin guddachuu
•Gaaffiin kun waraana yookan sarbiinsa daangaa biyya olla irratti gageessu osoo hin taane yaadam waalin guddachu maddi isaa ammo ida’aamudha.
•Biyyoota ollaa waliin qabeenya uumamaa waloon fayyaadamanii waliin guddachuuf hawwii Itoophiyaan qabdu itti fufsiisufis Ulaan Galaana barbaachisa.