Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura jabaa kaa’aa jirti – Ambaasaaddar Albeerti Muchaangaa

Hagayya 06/2018(ENA): Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannoo fi walitti makamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuun, badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura cimaa kaa’aa akka jiru Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Zaambiyaa Ambaasaaaddar Albeerti Muchaangaa ibsan.

Zaambiyaan Itoophiyaa waliin daldalaa, invastimantii fi dameewwan garaagaraa irratti tumsa dipilomaasii haaraa caalaatti cimsuuf kutannoo kan qabdu ta’uu Ambaasaaddarichi ibsaniiru.
Keessattuu hariiroon michummaa dipilomaasii Zaambiyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru damee daldalaa fi tumsa invastimantii irratti cimee kan itti fufe ta’uus eeraniiru.

Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannoo fi walitti makamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuun, akka fakkeenyatti eeramaa kan jirtu yoo ta’u, badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura ajaa’ibaa fi cimaa kaa’aa akka jirtus hubachiisaniiru.

Itoophiyaan dameewwan dhiyeessii humna elektirikaa naannicha gidduutti, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa, daldalaa fi tumsa invastimantii keessatti dandeettii misoomaa uumte akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka qabus ibsaniiru.

Komishiniin Tumsa Waloo Itoophiyaafi Zaambiyaa hundeeffames walga’ii of duratti Itoophiyaatti gaggeessanin dhimmoota biyyoota lameeniif faayidaa waloo irratti waliigaltee fi hubannoo waliinii uumuuf akka hojjetanis ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015