PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa - ENA Afaan Oromoo
PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa
Hagayya 6/2018 (ENA): Taphni waancaa moo'attoota Awurooppaa har'a PSG fi Aston Viilaa gidduutti taphatama.
Taphichi galgala sa'aatii 4 irratti ostiraaliyaa ‘Red Bull Arena’ keessatti taphatama.
Kilabni PSG’n Faransaay tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan gahe, xumura shaampiyoonsi liigii irratti Arsenaaliin adabbiin injifachuun waancaa fudhachuuni.
Luusiis Enrikeetiin kan durfamu ‘PSG’n bara darbes tapha wal fakkaatuun Tootinaam adabbiin injifachuun waancaa kana injifachuun isaa kan yaadatamu qaba.
Gama biraatiin ammoo Aston Viilaan leenjisaa Unayi Emretiin hogganamu, tapha har'aaf kan darbe tapha xumuraa Liigii Awurooppaatiin kilaba Jarmanii Firaayibargi 3 fi 0’n injifateeti.
Seenaa keessatti Aston Viilaan si’a tokko, bara 1982 Baarseloonaa injifachuun waancaa kana kaase.
PSG fi Aston Viilaan kanaan dura dorgommii Awurooppaa qofaan wal argan, shaampiyoonsi liigii bara 2024/25 irratti jechuudha.
Yericha PSG’n dirree isaa irratti 3 fi 1’n yoo injifatu, Aston Viilaan ammoo Viilaa Paarki irratti 3 fi 2 injifate.
PSG’n waliigalatti 5-4’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbuun shaampiyoonaa dorgommii kanaa isa jalqabaa ta'eera.
Tapha kana daran adda kan godhu riikardii murteessummaa inni galmeessisudha.
Gamtaan Waldaalee Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha kana akka to'atu abbaa murtii lammii Somaaliyaa ganna 34 Omar Artaan filateera.
Kunis seenaa dorgommii kanaa waggoota 51 keessatti abbaa murtii lammii Awurooppaa hin taane tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan jalqabaa isa taasisa.
Taphichi sa'aatii idilee daqiiqaa 90 booda qixaan yoo xumurame, sa'aatii dabalataa osoo hin kenniin, kallattiin gara adabbiitti ni deema.
Gareen injifate badhaasa maallaqaa Yuuroo miiliyoona shan kan argatu yoo ta'u, gareen mo'ame ammoo Yuuroo miiliyoona afur argatu.
Kilabiin dorgommii kana irratti milkaa'ina guddaa kan argate Riyaal Maadriid yoo ta'u, yeroo 6 waancaa kana injifateera.
Baarseloonaa fi Essi Miilaan waancaa shan qabachuun itti aanu.