Tamsaasa Kallatti:

Qonnaan Bultootni Godina Wallagga Lixaa Misooma Ruuziirratti bobba'an galii dabalataa argachaa jiru

Hagayya 6/2018 (ENA):Godina Wallagga Lixaatti qonnaan bultootni misooma Ruuziirratti bobba'an oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee galii dabalataa argachaa jiraachuu ibsan.

Itoophiyaatti damee dinagdee qonnaa jalatti karoorfaman keessaa misooma midhaani tarsiima'oo keessaa tokko misooma ruuziiti.

Naannoo Oromiyaa godina Wallagga Lixaatti aanaaleen argaman hedduun haala qilleensa misooma midhaaniif mijataa ta'e, biyyee gabbataa fi qabeenya bishaan gahaa qabaachuun isaanii oomisha Ruuziif mijataadha.

Kanaan dura qonnaan bultootni naannichaatti caalaatti xiyyeeffannoo kennanii kan hojjechaa turan misooma Boqqolloo,Xaafii fi Buna qofa irratti ta'us; waggoota dhiyootti mootummaa fi ogeeyyiin qonnaa deeggarsa waloo taasisanii misoomni midhaan Ruuzii abdiin itti kennameera.

Walii gala sochiin misooma ruuzii godinicha keessatti gaggeeffamaa jiru qonnaan bulaan of-danda’uurra gara gabaaf oomisha dhiyeessuutti kan ceesisee fi guddina dinagdee kan saffisiisu ta'aa dhufeera.

Qonnaan bultoota Ruuzii oomishan keessaa jiraataan Aanaa Gimbii Ganda Tolee obbo Nuuree Jamaal; muuxannoo kanaan dura horataniin fayyadamuun oomisha gannaa kanaan lafa hektaara walakkaaa midhaan Ruuziin facaasanii jiraachuusaanii ibsaniiru.

Qonna misooma ruuzii kana keessatti milkaa'uuf kunuunsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsanii; kunis wabii nyaataa isaanii mirkaneessuu irra darbee oomishicha gabaaf dhiyeessuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qonnaan bulaa Aanaa Manasibuu Faqqadaa Jootee gama isaaniitiin kanaan dura xiyyeeffannoo kan kennan misooma bunaa qofa irratti ta'uu yaadachiisaniiru.

Amma garuu akkai Insheetiiviitti sochiin misooma ruuzii taasifamaa jiru irratti hirmaachuun isaaniin fayyadamoo akka isaan taasise dubbataniiru.

Ooyiruusaniirratti Ruuzii kilaasteraan misoomaniirratti oomisha fooyya'aa argachuuf gorsa ogeeyyii qonnaa hordofuun kunuunsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaa Duulee Kamisoo gama isaaniitiin; jalqabumarraa ooyiruu isaanii sirnaan qotuu fi teekinooloojii ammayyaatti fayyadamuu isaaniitiin midhaan Ruuzii haala gaarii irratti argamuu ibsaniiru.

Midhaan ruuzii ga'ee hanga galutti kunuunsaafi eegumsa barbaachisu taasisuu isaanii cimsanii akka itti fufan ibsaniiru.

Misooma gannaa kanaatiin oomisha Ruuzii babal'isuuf hojii hojjetameen lafa heektaara kuma 175 fi 749 ol ta'u midhaan kanaan faca’uusaa fi oomishni kuntaalli miliyoona 7 fi kuma 451 kan eegamuu ta’uusaa waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera.


 

Itti gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Fayyisaa Hambisaa akka jedhanitti; oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun wabii nyaataa mirkaneessuu fi fayyadamummaa dinagdee guddisuuf damee misooma ruuzii irratti sochiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Godinichatti misooma ruuzii carraaqqii qonnaan bultootaa, waldaalee fi invastimantiidhaan kan gaggeeffamaa jiru ta'uu eeruun; oomisha ruuziis ta'e midhaan biroo oomishtummaa isaanii dabaluuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015