Tamsaasa Kallatti:

Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jira

Hagayya 6/2018 (ENA): Godina Jimmaatti Omishtummaa ochooloonii (Loozii) babal’isuun omishaa fi omishtummaa isaa guddisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise.

Godinni Jimmaa haala baratameen buna, boqqolloo fi mi’eessituu adda addaan kan beekamu yoo ta’uyyuu, waggoota dhiyoo asitti misooma sanyii midhaan zayitaa adda addaa babal’isuu fi galii qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jira.

Godina kana keessatti wabii nyaataa mirkaneessuu fi meeshaalee jallisii industirii biyya keessaa bakka buusuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti kuduraalee fi muduraalee dabalatee oomishni loozii xiyyeeffannoo ijoo ta’ee jira.

Kanarraa kan ka’e godinni kun bara omishaa kanatti lafa heektaara 40,512 irratti boqqolloo misoomsuu fi kuntaala kuma 920 ol sassaabuuf karoorfamee jira.


 

Itti gaafatamaan Waajjira Qonna Godinichaa obbo Tijaanii Tamaam waggoota dhiyoo asitti oomisha baratameen alattis misoomni sanyii midhaan zayitaa kanneen akka loozii fi suufii babal’achaa dhufeera jechuun ENAtti himan.

Godinaalee aanichaa adda addaatti misooma loozii babal’isuun omisha olaanaa galmeessisuuf tattaaffiin hojjetamaa jiraachuu hubachiisiisuun, bara omishaa bara kanaas omishni dabaluu isaa ibsaniiru.

Looziin alattis suufii lafa heektaara kuma 3 fi 300 irrattis misoomuu eeruun, oomishtummaa sanyii midhaan zayitaa guddisuuf hojiiwwan deeggarsa teeknikaa fi hordoffii adda addaa hojjetamaa akka jiran eeraniiru.


 

Misooma sanyii midhaan zayitaa naannoo sanaaf mijatu babal’isuun oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru.


 

Godina kana Aanaa Cooraa Botor keessatti loozii misoomsaa kan jiran qonnaan bultoonni Ahmad Sheek Mahmuud fi Araarsee Boruu waggoota darban keessatti misooma loozii irraa bu’aa gaarii galmeessisuun bara kana omisha fooyya’aa akka eegan himaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015