Shinooyyee: Aadaa, Sirbaa fi Tapha Ce’umsaa Shamarran Oromoo - ENA Afaan Oromoo
Shinooyyee: Aadaa, Sirbaa fi Tapha Ce’umsaa Shamarran Oromoo
Shinooyyeen sirba aadaa fi tapha duudhaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu ta’ee, keessumaa shamarran hin heerumneen (qarreewwaniin) yeroo ce’umsa waggaa haaraa fi ji’a Qaammee simachuuf kan raawwatamudha.
Aadaan kun gamtaa, kabaja, gammachuu fi eenyummaa hawaasa Oromoo keessatti qabu gadi fageenyaan calaqqisiisa.
Yeroo fi Haala Tapha Shinooyyee
Shinooyyeen simannaa Birraaf, aduun birraa baatuuf hawwiin eegamtuttii fi biqiltuun lalisuu jalqabu—keessumaa ji'a Qaammee simachuuf taphatama.
Yeroo kana shamarran ganda keessaa walitti qabamuun:
•Uffata Aadaa: Uffata aadaa miidhagaa fi faaya aadaatiin miidhaganii dhihaatu.
•Sochii fi Sagalee: Harka dhahuun, sagalee wal-simsiisuu fi dhiichisa qaamaatiin sirba isaanii dhiheessu.
•Ganda Naanna'uu: Qarreewwan wal waamanii qe'ee keessa naanna'uun weedduu aadaa sirbu, hawaasas eebbisu.
Kaayyoofi Ergaa Shinooyyee
Taphnii fi sirbi Shinooyyee ergaa hawaasummaa fi afuuraa gadi fagoo ta’an hawaasaaf dabarsu:
1.Ce’umsa Nagaa fi Badhaadhinaa Hawwuu: Yeroo Gannaa irraa gara Birraatti ce’an nagaa, araara, badhaadhinaa fi milkii hawaasaaf hawwuuf taphatama.
2.Duudhaa Ganamaa Dabarsuu: Dhaloota haaraaf aadaa, safuu fi duudhaa ganamaa Oromoo akkasumas kabaja walii dhaalaan dabarsuuf gargaara.
3.Ergaa Hawaasummaa fi Jaalalaa: Weedduun Shinooyyee jaalala, tokkummaa, jabina hawaasummaa, gorsa akkasumas qoosaa fi qeeqaa gaarii (kan walitti dhiheenya uumu) of keessaa qaba.
Iddoo fi Sirna Raawwii
Shinooyyeen sirba gammachuu fi bashannanaa ta'uun isaa ayyaana waggaa fi yeroo Qaammee fi simannaa Qaammeef qofaaf kan daangeffame miti. Yeroo cidhaa (gaa'elaa) fi ayyaanota adda addaa irratti shamarran walitti qabamanii wal-qixxeessanii taphatu. Sirni kun walitti dhiheenya hawaasaa cimsuu fi gammachuu ce’umsaa waliin qoodachuu keessatti gahee olaanaa taphata.