Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii irratti hirmaataniif Simannaan taasifame - ENA Afaan Oromoo
Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii irratti hirmaataniif Simannaan taasifame
Hagayya 6/ 2018 (ENA): Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii Ameerikaa Origon keessatti gaggeeffame irratti hirmaachaa turaniif simannaa ho'aan taasifameefi.
Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana walumaa galatti meedaaliyaa 6 argachuun kan xumurte yoo ta’u, warqee 2, meetii 3 fi naasa 1 aragatteetti.
Biyyi dorgommii bara kanaa keessummeessite Ameerikaan meedaaliyaa 24’n dursaa xumurteetti.
Keeniyaan meedaaliyaa 11 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa wayita baatu, Itiyoophiyaan dorgommii kana akka addunyaatti sadarkaa 5ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa bahuun xumurteetti.
Itiyoophiyaan dorgommii walfakkaatu waggaa lama dura Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffameen warqee 6, walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun ishee kan yaadatamudha.
Shaampiyoonaan kun Ameerikaa bulchiinsa Origon magaalaa Yuujiin keessatti Adoolessa 29 hanga Hagayya 3, 2018tti gaggeeffameera.