Tamsaasa Kallatti:

Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina walii galaa Itoophiyaa fi walitti-hidhaminsa Riijinii kan mirkaneessanidha – Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Hagayya 5/2018 (ENA) Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa Riijinii kan mirkaneessudha jechuun Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinaar Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Abbayii fi Galaanni Diimaan seenaa Itoophiyaa, Ji'oo-politiksii fi guddina dinagdee keessatti kan walirraa hin cinnee fi lamaan isaanii tokkoo ta’uusanii ibsaniiru.

Bishaanonni lamaan kun kaartaa siyaasaa riijinichaa irratti qaama tarsiimo’aa madaalliin humnaa itti murtaa'an ta'uu dubbataniiru.

Itoophiyaan gaaffii abbummaa ulaa gaalaanaa ishee mirkaneessuuf bu'uura amala fayyadama woloo hordofuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jirti.

Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa turtii ENA waliin taasisaniin; Abbayii fi Galaanni Diimaan hiree Itoophiyaa murteessaa turuu isaanii ibsaniiru.

Jireenyi Itoophiyaanotaa qaamolee bishaanii kana waliin walitti-dhufeenya olaanaa qabaachuu isaas ibsuudhaan.

Itoophiyaan Abbayii akka hin misoomsinee fi akka hin fayyadamne humnoonni alaa karaa garaa garaatiin carraaqqii yeroo dheeraaf taasisaa turuu isaanii eeruudhaan; akkasumas shiraan Galaana Diimaarraa akka fagaattu gochuun Itoophiyaanonni gatii guddaa kaffalaa turuu isaaniifi eeraniiru.

Hidha Haaromsaatiin Itoophiyaanotni bara dheeraaf hawwaa kan turani keessaa abjuu isaanii keessaa tokko galmaan gahuu danda'uu isaanii ibsuun; kunis Itoophiyaanota irratti dhiibbaa gahaa ture cabsuuf milkaa’ina dandeessise ta'uusaa kaasaniiru.

Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa shira biyyattii irratti taasifamaa turan hambisuu kan danda'e ibsituu boonsaa Itoophiyaanotaa ta'uusaa eeraniiru.

Itoophiyaan Galaana Diimaa shira garaa garaatiin akka dhabdu erga ta'ee booda dhimma kana kaasuun kan hin hayyamamneef maqaa biraa kennisiisaa kan ture ta'uus yaadachiisaniiru.

Itoophiyaan yeroo ammaa kana abbummaa ulaa galaanaa ishee karaa nagaatiin argachuu qabdi jettee gaaffii kaaste kutannoo hoggansa olaanaan kan irratti mul'ate ta'uu isaa eeraniiru.

Dhimmi Galaana Diimaa dhimma mootummaa ykn dhaabbata siyaasa tokkoo qofa miti hojii dhalootatti ce'udha jechuun; Abbayii fi Galaana Diimaa bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa riijinii kan mirkaneessanidha jechuun kaasaniiru.

Akkasumas naannoo Galaana Diimaatti dorgommii ji'oo-politikaa addunyaa mul'atanii fi balaawwan nageenya galaana irraa jiran salphisuuf kan dandeessisu ta'uu isaas eeraniiru.

Itoophiyaanonni tokkummaa Hidha haaromsaa irratti mul’isan Galaanaa Diimaarratti dabaluu akka qabnis dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015