Tamsaasa Kallatti:

Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa

Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid.

Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera.


 

Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru.

Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru.


 

Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015