Tamsaasa Kallatti:

Dhimmoota Amantii fi Ajandaawwan Ijaarsa Nageenyaa irratti Mari’attoonni waliigaluu ibsani

Hagayya 5/2018(ENA): komishiniin marii biyyaalessaa Itoophiyaa ajandaawwan saddeet Manni Maree Komishinichaan adda baasan irratti Adoolessa 8/2018 irraa eegalee walgahii marii biyyaalessaa gaggeessaa akka jiru ni beekama.

Haaluma kanaan ajandaawwan irratti gareewwan hojii saddeet miseensota 500 qabaniin mari’atamaa jiru. Akka hojmaata Komishinichaatti gareen tokko miseensota 500 qabu ajandaa tokko irratti mari'achaa jira.

Haala kanaan gareewwan lamaan dhimma amantii fi ajandaa ijaarsa nagaa irratti adda addaan mari’achaa kan turan yoo ta’u, yaada isaanii irratti waliigaluun walgahii har’aa Hagayya 5, 2018 mallatteessaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015