Mariin Biyyaalessaa Nagaa fi Badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa Nagaa fi Badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba
Hagayya 5/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa guddina biyyattii saffisiisuu fi nagaa waaraa dhugoomsuuf qooda qabaachuusaa Manguddoonni Magaalaa Amboo ENA'f yaada kennan dubbatan.
Itoophiyaan garaagarummaa Siyaasaa, Hawaasaa fi Dinagdee bara dheeraaf turan karaa waaraan furuuf yaa’ii walii gala marii biyyaalessaa gaggeessaa jirti.
Mariichaan sagaleen uummataa baay'ee kan itti dhaga'amu, seenessi dogongoraa kan itti sirratuu fi walta’insi biyyaalessaa kan itti uumamu akka ta’u ibsaniiriru.
Manguddoonni Magaalaa Amboo akka ibsaniitti, mariin kun wal-hubannoo dhabuu fi madda walitti bu'insaa lammiilee gidduutti turan karaa waaraan furuuf akka dandeessisu abdii qaban ibsaniiru.
Yaada kennitoota keessaa obbo Baqqalaa Bay’isaa; mariin kun Itoophiyaanota garaagarummaa isaanii mariidhaan furuun yaada waloo cimsuun guddina biyya isaanii saffisiisuu kan itti danda’an ta'uusaa ibsaniiru.
Gaaffiiwwan sab-daneessaa waggootaaf komii fi walitti bu'iinsaa uumaa turan mariidhaan yeroo furaman lammiileen hunduu injifannoodhaan guddina biyyaaf kan dhaabbatan akka ta’u amantaa qaban dubbataniiru.
Manguddoon magaalaa fi hirmaataan marichaa kan ta'an obbo Baay’isaa Joobir gama isaaniitiin, adeemsichi nagaa waaraan akka bu’uuf fi hojiileen misoomaa eegalaman cimee akka itti fufu taasisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Manguddoon biyyaa obbo Fufaa Qaqqabaa gama isaaniitiin, Itoophiyaanota garaagarummaa sabaa fi amantaatiin utuu hin burjaajja'in jaalalaa fi kabajaadhaan bara dheeraaf uummata waliin jiraachaa turan ta'uu yaadachiisaniiru.
Kanaafuu dhimmoota qoqqoodinsaa hambisuu fi seenessa waloo ijaaruuf adeemsa marii dandeessisu ta'uu eeraniiru.
Mariin biyyaalessaa haammataa ta'e kun gaaffii uummataa mariidhaan kan deebisu ta'uusaan, lammiileen hunduu deeggarsa barbaachisaa taasisuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.