Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa itti fufee jira

Hagayya 5/2018 (ENA): Hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa Naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru ciminaan itti fufuu isaa itti gaafatamtuun paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Damee Dargaggootaa Aadde Rahimaa Yuusuf beeksisan.

Godina Jimmaatti hojiin tajaajila tola ooltummaa Gannaa godinaalee aanichaa gara garaa keessatti cimee kan hojjetamaa jiru yoo ta’u, arjooma dhiigaa, mana qaama miidhamtootaa haaromsuu fi hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa biroo dabalatee hojjetamaa jira.

 

Guyyaa har'aa Aanaa Mannaa fi Gommaatti qaama miidhamtootaaf deeggarsi tola ooltummaan adda addaa taasifameera.

Sagantaa kana irratti Hoggantuun paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa kutaa Dargaggootaa, Bulchaan Bulchiinsa Godina Jimmaa Tijaani Naasir fi hoggantooonni hojii mootummaa biroo argamaniiru.

Deeggarsi taasifame kun jireenya gareewwan rakkoof saaxilamoo ta’anii haala itti fufiinsa qabuun jijjiiruuf kan kaayyeffate ta’uus ibsameera.


 

Deeggarsa kennaman keessaa meeshaalee barnootaa, dhiyeessii nyaataa, gaagura kanniisaa fi eelee buddeenaa elektirikaa ammayyaa ni argamu.

Aadde Rahimaan hojiin tajaajila tola ooltummaa naannicha keessatti namoota hedduu fayyadamoo taasise cimee itti fufuu eeruun; kana keessatti hirmaannaan dargaggootaa ol’aanaa ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas bakka danda’ametti tumsuun hirmaannaa tajaajila tola ooltummaa keessatti hawaasni qabu cimsuu akka qabu dubbataniiru.

Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir akka himanitti, tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa keessatti hanga ammaatti manneen qaama miidhamtoota Godinicha keessa jiran kuma 5 fi 500 haaromsuuf karoorfamee kanneen keessaa walakkaan ol raawwatamuu dubbatani.


 

Bulchaan kun deeggarsi kennamu guyyaa guyyaa qofa osoo hin taane itti fufiinsa kan qabu ta’uu ibsuun, fayyadamtoonni hojjatanii jireenya isaanii akka jijjiiran dhaamaniiru.

Sagantaa Tola Ooltummaa Gannaa aanaa Mannaatiin hanga ammaatti manneen namoota harka qalleeyyii 300 ol suphamuu isaanii kan dubbatan immoo Bulchaa aanichaa obbo Samaaruddiin Ahimad dha.

Kana malees arjoomni dhiigaa fi hojiiwwan biroo gaggeeffamaa akka jiran eeruun, tajaajilli tola ooltummaa gargaaruu qofa osoo hin taane, akka sirna Gadaatti duudhaa keenya waliif yaaduu fi wal deeggaruu akka ta’e ibsaniiru.


 

Jiraattoota aanaa Mannaa Namoota deeggarsa argatan keessaa Aadde Faaxumaa Abbaagaroo fi Tigistee Geetaachoo Akaka ENAtti himanitti deeggarsi isaan argatan nyaata guyyaa guyyaa qofa osoo hin taane jireenya isaanii keessatti jijjiirama waaraa ta’uu isaatti gammaduu isaanii ibsaniiru.


 

Hojii tola ooltummaatiin hojii fi jijjiiruu fi namoota biroo deeggaruun itti fufuuf waadaa galaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015