Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti lafa Qonna gannaaf qophaa'e keessaa lafti hektaara kuma 106 ol sanyiidhaan facaafameera

Hagayya 5/2018 (ENA): Godina Gujiitti misooma Gannaaf lafa qophaa'e keessaa hanga ammaatti lafti hektaara kuma 106 ol midhaan sanyii filatamaa garaa garaan facaafamuusaa waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Naannoo oromiyaa Godinni Gujii haala qilleensaa baddaa , gammoojjii fi baddadareetti kan qoodamu ta’uusaatiin omisha midhaan garaa garaa oomishuuf uumamaan mijataa dha.

Godinichatti yeroon roobaa fi sanyii facaasaa Hagayyaa hanga walakkaa Fulbaanaatti, akkasumas yeroon sassaabbii oomishaa Muddee hanga dhuma Amajjii yoo ta'u; oomishoota waktii gannaa baay'inaan oomishaman keessaa boqqolloo, qamadii, garbuu, xaafii, baaqelaa fi midhaan zayitaa ni caqasamu.

Waajjira Qonnaa Godinichaatti dursaan garee misoomaa fi eegumsa midhaanii obbo Mangistuu Hirbaayee akka ibsaniitti, misooma gannaa qabameef lafti hektaarri kuma 439 fi 778 sanyii midhaan filatamaa garaagaraan misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 13 fi kuma 200 ol argachuuf karoorfameera.

Misooma gannaa qabameen oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hoj-maatilee qonnaa fooyya'an hojiirra oolchuu fi galteewwan haala barbaadameen fayyadamuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru.

Haaluma kanaan qonna makaanaayizeeshinii babal'isuu, qophii lafaa kilaasteraa fi tooftaa sararaan facaasuutiin sochiin bal'aa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Misooma gannaan sochii hanga ammaatti taasifameen qonnaan bultoonni kuma 119 fi 216 hirmaachisuun lafa hektaara kuma 106 fi 159 mala kilaastaraan midhaan sanyii filatamaa garaa garaan uwwifamuu yaadachiisaniiru.

Godinichatti oomisha gannaan midhaan misooman keessaa gosa midhaanii kanneen akka xaafii, qamadii, garbuu, baaqelaa fi boloqqee kan eeramanidha.

Dhiyeessii galteen godinichatti aanota hundaaf sanyii filatamaan kuuntilli kuma 12 fi 429 fi xaa'oo biyyee kuuntila kuma 71 fi 600 dhiyeessuu danda'amuu yaadachiisaniiru.

Qonnaan bultootaa qonna kana irratti hirmaatan keessaa Aanaa Addoolaa Reddee ganda Darartuu irraa obbo Neenqoo Waaree, bara oomishaa darbe hoj-maata qonnaa adda addaa qonna fooyya'an hojiirra oolchuun lafa qonnaa isaan misoomsuurraa oomisha fooyya'aa argachuun dubbataniiru.

Muuxannoo gaarii bara darbe argatan bu'uureffachuun, qonna gannaa kanaan kilaasteraan misoomsuuf lafa qopheessan irraa oomisha olaanaa argachuuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Qonnaan bulaan ganda kanaa obbo Maatewoos Aduulaa gama isaaniitiin, galteewwan qonnaa bara oomishaatiif barbaachisan yeroonii fi haala gahaa ta’een dhiyaachuusaa kaasanii, oomishaa fi oomishtummaa karoorfame galmaan gahuuf ogeeyyiin qonnaa dhiyeenyatti deeggarsa taasisaafii jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015