Tamsaasa Kallatti:

Yaa'iin Marii Biyyaalessaa tokkummaa ummataa ni cimsa - jiraattota Finfinnee

Hagayya 5 /2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee konfiraansiin marii biyyaalessaa Itoophiyaa waliigaltee tokkummaa ummataa cimsuu fi guddina diinagdee saffisiisu akka ijaaru abdii qaban ibsaniiru.

Konfiraansiin Marii Biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa Adoolessa  8, 2018 irraa eegalee, Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshin keessatti gaggeeffamaa jira.

Konfiraansii kanarratti bakka bu’oonni ummataa kuma afur lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessuun ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti waliigaltee uumuuf marii gaggeessaa jiru.

Jiraattonni Finfinene ENA'tti akka himanitti, Yaa'iin Marii Biyaalessaa Itoophiyaanota gidduutti waliigaltee uumuu fi nagaa waaraa fiduuf karaa murteessaa ta'uu cimsinee amanna jedhani.

Adeemsi marii kun waliigaltee tokkummaa biyyaa cimsu, nagaa waaraa argamsiisuu fi guddina dinagdee guddisu akka uumu abdii guddaa qaban ibsaniiru.

Namoota yaada kennan keessaa jiraataa Finfinee Roobeel Birhaanuun mariin biyyaalessaa kun lammiilee gidduutti waliigaltee uumuuf karaa hojiirra ooluu danda’uu fi bu’a qabeessa ta’uu ibseera.

Rakkoo biyyaalessaa irratti mariin yeroo gaggeeffamu ajandaalee bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf karaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Kunis gama siyaasaatiin waliigaltee uumuu fi hojii misoomaa tasgabbaa'aa dandeettii diinagdee biyyattii ijaaru haala mijeessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.

Yaa’iin marii biyyaalessaa Itoophiyaa bakka yaadonni gaariin itti maddisiifamaniifi waliigaltee guddina diinagdee fi tokkummaa ummataa cimsu ijaaru akka ta’u abdiin qaba jedheera.

Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraataan magaalaa Finfinnee kan biraa obbo Haayilee Alamayyoo akka himanitti, lammiileen biyya tokkoo mariidhaan dhimmoota waloo irratti waliigaltee uumuuf walitti qabaman mataan isaa milkaa’ina guddaadha jedhani.

Waltajjii seena qabeessa kana booda Itoophiyaan waliigaltee guddina diinagdee ishee itti fufsiisu ijaaruun dandeettii Afrikaa keessatti adda duree ta’uuf akka uumtu amantaa qaban ibsaniiru.

Obbo Yaadataa Guddataanis gama isaaniin Mariin Biyyaalessaa hunda hammatee lammiilee gidduutti hubannoo waloo ijaaruun tokkummaa ummataa daran akka cimsu abdii qaban ibsaniiru.

Yaada kennituu kan biraa aadde Almaaz Tammiraat akka himanitti, Mariin Biyyaalessaa waltajjii waloo Itoophiyaa lammiilee gidduutti hubannoon cimaan jiru ijaaruuf bu’uura kaa’uudha jedhani.

Haaluma walfakkaatuun jiraataa magaalaa Finfinnee obbo Aschaaloo Bargaa Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa waltajjii barbaachisaa dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Obbo Garramaa Dabbabaas bu’aan Marii Biyyaalessaa kun hubannoo waloo kan nagaa fi guddina dinagdee itti fufiinsuu qabu lammiilee Itoophiyaa hundaaf saffisiisu akka uumu ni amanna jedhan.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015