Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii Maaddii Shaggariif bifa Finfinnee jijjiiree fi Misooma biyyaaf bu'uura kaa'e

Pirojektiin "Maaddii Shaggariif" kallattii fi kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame, Finfinnee miidhagsuu bira darbee sadarkaa jireenya jiraattotaa ol kaasuun milkaa’ina seenaa keessatti galmeeffamu raawwateera.

Falaasama Ida’amuu bu’uura godhachuun, humnaa fi qabeenya biyya keessaa fi alaa qindeessuun yaada "hin danda’amu" jedhu cabsuu danda’eera.

 Paarkii Tokkummaa: Masaraa seenaa qabeessa Araat Kiiloo haaromsuun, seenaa, aadaa fi bineensota bosonaa walitti qabee bakka daawwannaa guddaa taasise.

 Paarkii Inxooxxoo: Bakka oolmaa, ispoortii, fiigicha, gugsa Fardeenii fi haara galfii qilleensa uumamaa mijataa ta'e.

 Paarkii Michoomaa: Handhuura Finfinneetti iddoo murteessaa ta’etti kan hojjetame, kanan dura mijataa kan hin turre gara wiirtuu bashannanaa, abaaboo, daandii lafoo fi biskiileetiitti jijjiire.

 Gola Hambaa Saayinsii: Wiirtuu teekinoolojii fi innooveeshinii dandeettii dhaloota haaraa cimsu.

Faayidaa Dinagdee fi Hawaasummaa:

 Carraa Hojii: Lammilee kumaatama hedduudhaaf carraa hojii dhaabbataa uumeera.

 Konfiransii Turiizimii : Galii sharafa alaa fi yaa'insa tuuristootaa baay'isee magaalattii wiirtuu konfiransii addunyaa taasise.

 Ka'umsa Misooma Biyyaaleessaa: Milkaa'inni kun Finfinnee qofatti osoo hin daanga'iin, gara sagantaalee gurguddoo "Maaddiin Biyyaa" fi "Maaddiin Dhalootaaf" jedhamanitti guddateera.

Itoophiyaan qabeenya uumamaa fi seenaadhaan biyya badhaatuu kan taatee yoo ta'u, pirojektiin kun qabeenya ture misoomsuun biyyattiin yeroo gabaabaa keessatti ijaarsa qulqullina olaanaa dhiheessuu akka dandeessu mirkaneesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015