Deeggarsi damee industirii Naannoo Hararitti taasifamu bu'aa qabatamaa argamsiiseera - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsi damee industirii Naannoo Hararitti taasifamu bu'aa qabatamaa argamsiiseera
Hagayya 5/2018 (ENA): Faayidaa diinagdee industirichaa Naannoo Hararii guddisuuf deeggarsa taasifame bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa obbo Ismaa’el Yuusuf.
Xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kenname carraa hojii irraa fayyadamoo akka ta’an dargaggoonni himaniiru.
Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa Ismaa’eel Yuusuf ENAtti akka himanitti, xiyyeeffannoon damee industirii naannichaaf kennameen industiriiwwan xixiqqaa, giddu galeessaa fi gurguddoon 231 akka hundeeffaman taasiseera jedhani.
Oomishtummaa damee industirii guddisuuf dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa, deeggarsaafi hordoffiin cimee hojjetamuusaas ibsaniiru.
Kunis dandeettii oomishaa industiriiwwan dabaluu, oomishaalee biyya alaatii galfaman toonii kuma 49 ol bakka buusuun, sharafa alaa gara doolaara miiliyoona 60 baraaruu isaa ibsaniiru.
Kana malees dandeettiin oomisha industirii guddinaan lammiileef carraa hojii uumeera jedhaniiru.
Fuuldurattis invastimantiin haaraan kan hojjetamu ta’uu keessattuu ijaarsa, nyaataa fi dhugaatii, oomisha gogaa fi bu’aalee gogaa fi dameewwan biroo irratti ibsaniiru.
Industiriiwwan naannichatti deeggarsa isaaniif taasifameen milkaa’ina argatan keessaa hogganaan Warshaa Borsaa fi Kophee Tatii obbo Omar Mohaammad akka jedhanitti, warshaan kun Feestaala oomishuu dhiisee, oomisha boorsaa fi kophee filannoo ta’e oomishuuf jalqabeera.
Kunis dandeettii omishaa guddisuu qofa osoo hin taane guddina biyyaatiif gumaacha taasisuun lammiileef carraa hojii akka uume hubachiisaniiru.
Babal’ina industiriin omishaa naannichaa hordofee carraa hojii uumame irraa fayyadamaa kan ta’e Dargaggoo Mohaammad Zuber ofii fi maatii isaa deeggaruu qofa osoo hin taane, dandeettii teeknooloojii isaa guddifachaa akka jiru dubbateera.
Namoota zoonii industirii naannichaa keessatti industirii omisha huccuu keessatti hojii argatte keessaa tokko kan taate Tsiyoon Shawul carraan hojii argatte maatii ishee akka jiraachisuuf akka ishee gargaare dubbatteetti.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #