Hospitalichi Tajaajila Qorannoo fi Wal’aansa fayyaa bilisaa kennuun namoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hospitalichi Tajaajila Qorannoo fi Wal’aansa fayyaa bilisaa kennuun namoota hedduu fayyadamoo taasisaa jira
Hagayya 5/2018 (ENA): Yuunivarsiitii Madda Walaabuu Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal'aansaa Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa Tajaajila tola ooltummaa gannaan namoota kuma 150 ol ta’aniif tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuu isaa ibse.
Hospitaalli Riifaraalichaa tajaajila qorannoo fi wal’aansa fayyaa bilisaa kennuusaan namoonni qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa jiraachuu jiraattonni Godina Baalee Magaalaa Roobee ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaan Hospitaala Riifaraalaa Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Gobbaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaa gargaaraa piroofeesaraa MahaammadAmaan Maamaa ENA’f akka ibsanitti, hospitaalli riifaraalaa tajaajila wal’aansaa fooyya’aa hawaasicha qaqqabsiisuuf hojjechaa jira.
Keessattuu hospitaalli riifaraalichaa tajaajila wal’aansaa idilee kennurra darbee tajaajila tola ooltummaa gannaan kutaa hawaasaa rakkoo garaagaraan dhaabbata fayyaa deemuuf hin dandeenye fayyadamaa gochaa jira.
Tajaajilichi hawaasa fayyaalessa uumuu fi namoota utuu hin beekiin dhukkuboota garaagaraaf saaxilaman wal’aansaa barbaachisaa ta’e hordofuu akka danda’an kaayyoo kan godhate ta’uu ibsaniiru.
Kanaanis yeroo gannaa kanaatti namoota kuma 120 ol ta'aniif tajaajila kennuuf karoorfamee hanga ammaatti lammiilee kuma 150 fayyadamaa gochuun danda'amuu fi hojiichi cimee itti fufuu isaa hubachiisaniiru.
Daareektarri olaanaan kun akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa gannaa bara kanaatiin tajaajiloota qorannoo bilisaa fi adda baafannaa dhukkubaa kennaman cinaatti yeroo tajaajila wal’aansaa idilee hiriirri wal’aansaa baqaqsanii yaaluu eegaa turan dabalataan kan keessummeeffaman ta’uun qophiin taasifamuu sagantichaa adda taasisa jechuun ibsaniiru.
Kolleejjii Saayinsii Fayyaa fi Wal’aansaa Yuunivarsiitichaatti Daareektarri Koorporeetii Barnootaa Fayyaa fi Tajaajila Wal’aansaa Obbo Abeel Balihuu gamasaaniitiin Yuunivarsiitichi tajaajila qorannoo fi wal’aansaa hawaasichaaf kennu cinaatti saaxilamummaa dhukkubaa fi haala tatamsa’ina irratti hubannoo walitti fufaa uumaa jiraachuu dubbataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa gannaan tajaajila qorannoo fi wal’aansaa bilisaa ta’uu fi kutaan hawaasaa hedduun qoratamuun haala fayyaa isaanii akka beekan gargaaraa dhufuu isaa dubbataniiru.
Mata duree ‘ Gaarumman fayyaa keenyaaf ‘ akka biyyattiitti eegalame tajaajila tola ooltummaa fayyaa gannaatiin fayyaa irra darbee biqiltuu dhaabuu, dhiiga arjoomuu fi hojiileen tola ooltummaa biroon raawwatamaa jiraachuun beekameera.
Qindeessaan duula tajaajila tola ooltummaa Hospitaalichaa, Ogeessi Fayyaa Waliigalaa Doktar Salamoon Kiflee gamasaaniitiin akka jedhanitti, gareen ogeeyyii fayyaa tajaajila kennan keessaa dhiibbaa dhiigaa, HIV, dhukkuba sukkaaraa, kaansarii harmaa, dhukkuba tiruu, qorannoo ijaa fi dhukkuboota biroo adda baafannaa fi wal’aansaa argamu.
Gareen wal’aansaa yeroo turtiitti, fayyadamtoota tajaajilaa adda baasuu, tajaajila qorannoo fi wal’aansaa kennuurraa darbee dhukkuboota dabalataan wal’aansa barbaadan adda baasuun qorannoo dabalataaf hospitaalicha waliin Wal-quunnamsiisuun kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.
Namoota tajaajila bilisaa kana fayyadaman keessaa aaddee Alfiyyaa Huseen gamasaaniitiin hospitaalichaa duula jalqabeen salphaatti wal’aansa argachuudhaan sadarkaa fayyaa irra jiran beekuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru.
Obbo Ahimad Mahaammad gamasaaniitiin ogeeyyiin fayyaa tajaajila qorannoo bilisaan kennaniin sodaa dhukkubaa irraa bilisa ta’uun isaa gammachuu uumuu isaa dubbataniiru.
Tajaajilichaan namoonni dhukkubaan miidhamuu isaanii dura ofumaan dursanii akka beekan waan isaan gargaareef dhaabbaticha galateeffataniiru.