Tamsaasa Kallatti:

Paarkiin ‘Friendship’(Michoomaa) Finfinee Walakkaatti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise

Hagayya 5 /2018 (ENA): Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad akka himanitti, Paarkiin Michoomaa giddugala magaalaa Finfinneetti argamu waggoota afran darban qofa keessatti galii gara birrii biiliyoona tokkoo argamsiise jedhani.

Paarkiin 'Friendship' Finfinnee walakkaatti argamu bakkeewwan tajaajila uummataa faayidaa damee daneessa ta'e qabaniifi waggoota saddeet darbanitti warra jalqaba Mootummaa Ida'amuutiin ijaaraman keessaa isa tokko ta’uu himaniiru.


 

Paarkiin kun waggoota afran darban qofaatti galii birrii biliyoona tokkotti dhiyaatu kan argamsiise yoo ta'u, karaa kallattiifi kallattii hin taaneen carraawwan hojiifi fayyadamtummaa dinagdee kan uumeedha. Hundaa caalaammoo bakka lammiileen kutaalee hawaasaa garaagaraa keessaa babahaniifi daawwattonni itti walargan ta'uu danda'eera. Maatiifi ijoolleerraa eegalee hanga gareewwan ispoortiifi hirmaattonni cidhaa akkasumas kalaqxoonni qabiyyee dijitaalaafi daawwattonni biyya keessaafi biyya alaa bakka itti walgahanidha. Paarkiin 'Friendship' bu'aasaa dinagdeen alatti fayyaaf, sochii qaamaatiif, bashannanaafi hidhata hawaasaatiif tajaajila guddaa kennaa jira. Kunis bakkeewwan tajaajila uummataa haala gaariidhaan karoorfaman akkaataa itti guddina magaalummaa waliigalaa Magaalaa Finfinnetiif gumaacha taasisaa namoota walqunnamsiisuu danda'an kan agarsiisan akka ta’e eeraniiru.


 

Paarkiin kun bakkeewwan tajaajila uummataa walfakkaataa magaalattii keessattii keessattiifi magaalotii kanbiroo keessatti ijaaramaa jiraniif fakkeenya adda dureedha. Bakkeewwan haaraan kunneen sona kan uuman, carraawwan kan mijeessaniifi hundaa olimmoo giddugaleeyyii abbummaa Itoophiyaanotaa mirkaneessanidha jedhan Ministirri Muummee ergaa Miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015