Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jira

Hagayya 4/2018(ENA): Sagantaan Maaddii guutuu wabii nayaataa mirkaneessuun dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuun ibsameera.

Itoophiyaatti Sagantaan Maaddii guutuu sadarkaa biyyaalessatti sochii misooma gaggeeffamaa jiru yoo ta’u; kaayyoon isaa olaanaanis damee qonnaa keessatti innisheetivota jiran hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.

Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti raawwii sagantichaa bu’a qabeessa taasisuuf sochiin bal’aan taasifamaa tureera.

Godinichatti Qonnaan bultoonnii fi jiraattonni naannichaa karaa ammayyaatiin horsiisa lukkuu, kunuunsa horii aannanii fi misooma dammaa irratti bobbauunsaanii ibsameera.

Sochiin kunis sadarkaa maatiitti nyaanni qulqulluu fi madaalawaa ta’e salphaatti akka argamu dandeessiseera.

Qonnaan bultootnii fi dargaggoonni damicha irraa bu’aa argatan gabaaf dhiyeessuun madda galii dabalataa uumuu fi sadarkaa jireenyaa isaanii fooyyessuunsaa ibsameeera.

Godinichatti sagantaa maaddii guutuu irratti hirmaachuun fayyadamoo ta’an keessaa jiraattota Magaalaa Innaangoo obbo Hiikaa Kumarraa fi aadde Alamneesh Abdii akka jedhanitti loon aannanii shan horsiisuun guyyaatti giddu-galeessaan aannan liitira 150 argachaa jiraachuu dubbataniiru.

Bulchiinsa magaalichaa keessatti deeggarsaa fi carraa isaaniif uumameen damee horsiisa Loon Aannaniirratti bobba’uun, jireenyaa isaanii fooyyessuu fi fayyadamummaa dinagdee isaanii guddisuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru.

Aadde Dirribee Leellisaa gama isaaniitiin lukkuu hanqaaquu buustu 300 horsiisuun hojii isaaniitiin bu’a qabeessa ta’uu danda’uu isaanii ibsaniiru.

Kanaanis hawaasa naannichaaf hanqaaquu gatii madaalawaan dhiyeessuun hawaasa fayyadamaa gochuu fi galii mataasaanii guddisuu isaanii ibsaniiru.

Dargaggoo Mubee Qaasim gama isaatiin maatii isaa waliin ta’uudhaan lukkuu 500n hojii horsiisaa eegaluusaa ibsuun yeroo ammaa bu’a qabeessa ta’aa jiraachuusaa ibseera.

Godina Wallagga Lixaa Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Innaangoo obbo Daani’eel Badhaasaa ENA’f akka ibsaniitti; magaalattitti gaaffii misoomaa uummataa deebisuuf hojii hojjetan cinaatti wabii nyaata hawaasaa mirkaneessuuf kan dandeessisan hojiin adda addaa raawwatamaa jira.

Keessattuu sagantaa ‘maaddii guutuutiin Loon Aannanii sanyii fooyya’aa lukkuuwwanii fi gaagura kaannisaa jiraattota naannichaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaatti Dursaan Garee Misooma Beelladaa fi Fooyyessa sanyii obbo Gammachiis Taaddasaa; sagantaa ‘maaddii guutuu hojiin lammiilee hedduu fayyadamaataasise hojjetameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015