Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa - ENA Afaan Oromoo
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani.
Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru.
Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru.
Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru.
Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira.
Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan.
Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru.
Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru.
Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha.