Tamsaasa Kallatti:

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira

Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise.

Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru.

Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan.
Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan.
Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru.

Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera.

Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru.

Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru.

Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani.

Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani.

Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru.

Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015