Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera.
Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera.
Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan.
Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru.
Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru.
Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani.
Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan.
Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru.
Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru.
Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru.