Tamsaasa Kallatti:

ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasaa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa jira.

Adoolessa 27/2018 (ENA): ENA’n Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin Kaka’usa Hawaasa Uumuun dabalatee Qabatamaan hojii Fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee himan.


Sagantaan dhaabbii biqiltuu miliyoona 800 guyyaa tokkoo dhaabuuf mata duree "Abdii Haa Dhaabnu" jedhuun gaggeeffame ganama keessaa sa'aatii 12:00 jalqabee gaggeeffameera.



ENA’n Hogganoota Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii fi Aanaa 6 waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu dhaabaniiru.


Hojii Raawwachisaa olaanaan Dhaabbatichaa obbo Sayifee Darribee akka ibsanitti, dhaabbatichi sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2018tiin yeroo sadaffaaf biqiltuu dhaabuu isaa eeraniiru.



Sagantaa dhaabbii biqiltuu har'a gaggeeffame irrattis hooggantoonni fi hojjettoonni dhaabbatichaa hirmaachuu isaanii ibsuun, fuulduraattis biqiltuu dhaabaman kunuunsuu hojiin akka itti fufu dubbataniiru.


ENA’n milkaa'ina sagantaa ashaaraa magariisaatiif hawaasa dammaqsuu fi kakaasuu bira darbee qabatamaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.



Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti Hojii raawwachiisaan Aanaa 6 obbo Alamaayyoo Margaa akka jedhanitti, hirmaattoonni aanichaa halkan irraa jalqabee sagantaa ashaaraa magariisaa irratti dammaqinaan hirmaachaa turuu ibsan.


Hirmaannaan jiraattoonni aanichaa sagantaa ashaaraa magariisaa irratti yeroo yeroon taasisan dabalaa dhufuu kan kaasan obbo Alamaayyoon, fuulduraattis kanuma cimsinee itti fufsiisna jedhaniiru.



Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo sochii olaanaadhaan jalqabamee hawaasni hundi ba'ee biqiltuu dhaabaa ooluu kan dubbatan immoo Itti Gaafatamtuu Waajjira Komuniikeeshinii Kutaa magaalichaa Qiddist Nigaatuu ti.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015