Tamsaasa Kallatti:

Akkaataa Miidiyaaleen Idil Addunyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuu gabaasaa oolan

Har’a sagantaa biyyaalessaa guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf guutummaa Itoophiyaa keessatti adeemsifamaa jira.

Ganama sa'aatii 12:00 irraa eegalee lammiileen Itoophiyaa hundi sagantaa dhaabbii biqiltuu seena qabeessa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa jiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachaa kan turan yoo ta'u, ashaaraa magariisa isaanii dhaabaniiru.

Ministirri Muummee ergaa yeroo sana dabarsan keessatti biqiltuun abdiidha; wanti dhaabaa jirru egeree boruu fi egeree ijoollee keenyaati jedhani.

Itoophiyaanonni tokkummaa fi tumsaan galma biyyaalessaa kaa’an galmaan akka ga’anis waamicha dhiyeessaniiru.

Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa isheetiin guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf galma qabatte xiyyeeffannoo miidiyaalee idil-addunyaa hedduu hawwateera.

Akka gabaasa CGTN Chaayinaa baaseetti, waamicha Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhiheessan hordofuun, lammiileen Itoophiyaa hundi duula biqiltuu dhaabuu kana irratti xiiqii guddaan hirmaachaa jiru jedha.

Itoophiyaan qophii bal’aa hordofuun sagantaa dhaabbii biqiltuu guutuu biyyaatti biqiltuu miiliyoona 800 ta’u guyyaa tokkotti milkaa’inaan raawwachuuf hojjechaa jiraachuu gabaasni kun ibseera.

Aljaziiraan Qaxar gama isaatiin duulli dhaabbii biqiltuu adda ta’e kun qophii Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) 32ffaa bara 2027 gaggeeffamuuf taasiftu haalaan kan cimsuu fi kan deeggaru ta’uu ibseera.

Gaazexaan Kooriyaa Poostiin Rippabiliika Kooriyaas duulli seena qabeessa kun sochii eegumsa naannoo qofa osoo hin taane jijjiirama dinagdee fi hawaasummaa biyyattii saffisiisuu keessatti jijjiirama guddaa ta’uu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera.

Miidiyaan ‘Somaaliyaa Horn Diplomat’ akka jedhutti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf karoorri qabdu mancaatii bosonaa to’achuuf, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuuf, hirmaannaa ummataa guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsa.

Gaazexaan Kuubaa ‘Prensa Latina’ akka gabaasetti Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu hamma sanaa dhaabuun milkaa’ina seena qabeessa kan biraa fi milkaa’ina galmaan ga’aa jirti jedha.

Dhaabbiin biqiltuu kun ilaacha dippilomaasii Itoophiyaa calaqqisiisuu qofa osoo hin taane, suuraa biyya keessaa ishee mul’isuu isaa Asoosheetid Prees Paakistaan gabaaseera.

Imbaasiin Itoophiyaa Paakistaan jirus dhaabbiin biqiltuu kun kaayyoo biyyattii deeggaruun michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiiseera.

Kan Yugaandaa Charmaar sochiin waggaa Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma qabattee eegalte kun sadarkaa addunyaatti misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannootiif agarsiistuu fi fakkeenya guddaa ta’uu hubachiise.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015