Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan Guyyaa Tokkotti Biqiltuu Miliyoona 805.3 Dhaabuun Afrikaaf Fakkeenya Taatee Jirti – Ministeera Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad

Adoolessa 27/2018 (ENA): Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta'uu ishee Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministeerri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad raawwii duula sagantaa ashaaraa magariisaa guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf karoorfame ilaalchisee ibsa kennaniin; Itoophiyaan karoora qabatte irratti hundaa'uun guyyaa tokko qofa keessatti biqiltuu miliyoona 805.3 dhaabuun milkaa'ina seenaa-qabeessa galmeessiteetti jedhan.

Akkaatuma kanaanis biyyi keenya of irra darbitee guutuu Afrikaatiif fakkeenya guddaa ta'uu danda'uu ishee kan ibsan Ministeerri Muummee, ummata Itoophiyaatiin baga gammaddan jechuun gammachuu isaanii ibsaniiru.

Sochii duula dhaabbii biqiltuu biyyaalessaa si'aataa kana irratti uummanni miliyoona 26.2 ta'u dammaqinaan ba'uun hirmaannaa olaanaa taasisuu isaa addeessaniiru.

Itoophiyaanonni tattaaffii fi kutannoo dinqisiisaa agarsiisaniif dinqisiifannaa isaanii kan ibsan Ministeerri Muummee, hirmaannaa guyyaa tokko kanaan lafa heektaara kuma 291.4 ta'u ashaaraa magariisaatiin uwwisuun danda'amuu isaa beeksisaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015