Biyya Waan Yaadde Milkeessitu! - ENA Afaan Oromoo
Biyya Waan Yaadde Milkeessitu!
Itoophiyaan erga mootummaan jijjiiramaa Dooktar Abiyyi Ahimadiin durfamu gara aangootti dhufee as, hojiiwwan gurguddoon karoorfaman hundinuu milkaa’inaan xumuramaa tajaajila uummataaf oolaa jiru. Biyyi keenya karoora qabattee galmaan gahuun waan yaadde milkeessuu danda'uu ishee ragaalee qabatamaa hedduutu agarsiisa.
Duula Asharaa Magariisaa
Qabeenya uumamaatiin sagantaan Asharaa Magariisaa biyya laliistuu, magariituu fi jireenyaaf mijattuu taate uumuuf jalqabame akkuma karoorfametti milkaa'aa jira. Waggoota dhiyoo darban hunda keessatti karoorri biqiltuu dhaabuu qabaman hunduu karooraa olitti hojiitti hiikamaniiru.
Keessattuu, duula sagantaa asharaa magariisaa guyyaa tokkoo keessatti gaggeeffameen, lammileen Itoophiyaa hundinuu garaagarummaa tokko malee waloon bahuun karoora seenaqabeessa ta'e milkeessaniiru.Duula guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 800 dhaabuuf waadaan galame akkuma karoorfametti Karoora ol biqiltuun miiliyoona 800 fi miiliyoona 5 ol milkiin goolabamee jira.
Qabeenya uumamaa kunuunsuun dhaloota dhufuuf biyya badhaate dhalchiisuuf karoorri biyyi qabattee, dhiqama biyyee hir'isuun, bishaan lafa keessaa dabaluun, iddoo tokko tokkootti burqaan badee ture deebi'ee akka mirgisuufi uumamni yoo kunuunfame lubbu-qabeeyyiin akka kunuunfaman agarsiistuu dha.
Haaluma kanaan, hojiin Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun dhaabbate bosona ta'uun, kuduraa fi muduraan firii buusee lammiilee fayyaduu irra darbee gara biyya alaatti erguudhaan sharafa biyya alaa argamsiisaa jira.
Piroojektoota Gurguddoo fi Misooma Waaraa
Gama misooma magaalaatiin piroojektootni gurguddoon Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimadiin qabaman kanneen akka:
Maaddii Shaggar,Maaddii Biyyaafi Maaddii Dhalootaaf kanneen biroo akkuma karoorfametti xumuramuun hojiitti galaniiru; uummannis bu’aa isaa dhamdhamachaa jira.
Gama qonnaatiin barmaatilee moofaa cabsuudhaan inisheetivii misooma jallisii Bonaa, qonna ammayyeessuu fi inisheetivii misooma "Maaddii Guutuu" hojiirra oolchuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuun olitti oomishtummaa guddisuun danda'ameera.
Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa: Utubaa Ineerjii Afrikaa
Gama birootiin, Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa waggoota hedduuf osoo hin xumuramiin harkifachaa ture, obsaa fi tattaaffii uummataatiin xumuramee ifa Itoophiyaaf kennuu bira darbee, biyyoota Afrikaa Bahaatiif madda ineerjii haaromfamuu fi madaallii dinagdee ta'aa jira.
Biyya Guddoo Guddummaa ishee addunyaan ragaa bahaafii jiru,Itoophiyaa magariituu waan karoorsite xiiqiin hojiitti hiiktu.
Baga Gammaddan; Baga Gammanne!