Nagaa fi Tasgabbii Eegsisuun cinaatti dhalootaaf wanta darbu kaahuun seenaa qooddataa jirra – Qondaaltotaa fi Miseensota Poolisii Federaalaa - ENA Afaan Oromoo
Nagaa fi Tasgabbii Eegsisuun cinaatti dhalootaaf wanta darbu kaahuun seenaa qooddataa jirra – Qondaaltotaa fi Miseensota Poolisii Federaalaa
Adooleessa 27/2018 (ENA) : Nagaa fi Tasgabbii Eegsisuun cinaatti dhalootaaf wanta darbu kaahuun Seenaa qooddataa jirra jechuun qondaaltonnii fi miseensonni Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ibsan.
Miseensonnii fi ajajoonni ol'aanoon Poolisii Federaalaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa Guyyaa Tokkoo irratti hirmaachuun, jiraattota Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumee waliin ta'uun ashaaraa isaanii kaayyataniiru.
Hirmaattota sagantaa kana keessaa Inspektar Ahimad Huseen akka jedhanitti, hojii ogummaa isaaniitiin ergama biyyaa fi ummataa karaa gahumsa qabuun raawwachuun cinaatti, hojiiwwan misoomaa irratti hirmaachuun gammachiisaa ta'uu ibsaniiru.
Dabalataanis, guyyaa har'aa jiraattota naannichaa waliin ta'uun Godina Shawaa Bahaa Aanaa Luumeetti ashaaraa dhalootaaf ce'u kaahuu isaanii dubbataniiru.
Qondaaltonnii fi miseensonni Poolisii Federaalaa Itoophiyaa ergama biyyaa itti kenname hundumaa irratti itti gaafatamummaa isaanii gahumsa olaanaadhaan bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Ergama poolisummaa keenyaa cinaattis hirmaannaan nuti tajaajila hawaasaa fi hojiiwwan misooma biyyaa hunda galeessa irratti qabnu cimees kan fuulduratti itti fufu ta'as jedhaniiru.
Hirmaataan sagantichaa kan biraan Gargaaraa Inspektar Roobaa Mootuu gama isaaniitiin, miseensonni poolisii ergama biyyaa itti kenname hundumaa irratti itti gaafatamummaa isaanii gahumsa olaanaadhaan bahachaa kan jiran ta'uu ibsuun, hojiiwwan misoomaa irrattis hirmaannaa cimaa gochaa jiru jedhaniiru.
Guyyaa har'aas kutawwan hawaasaa garagaraa waliin ta'uun ashaaraa keenya kaahuu keenyaan kabajaa fi gammachuu guddaatu nutti dhagahamaa jechuun dubbataniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena# Ashaaraa Magariisaa #GreenLegacy