Tamsaasa Kallatti:

Hanga Sa'aatii 10:30tti Biqiltoonni Miiliyoona 765 tuqaa 7 Dhaabamaniiru" — Ministira Qonnaa Addisuu Araggaa

Adoolessa 27/2018 (ENA) : Sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkootiin hanga sa'aatii 10:30tti biqiltoonni miiliyoona 765 tuqaa 7 dhaabamuu isaanii Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa ibsan.

Guyyaa har'aa guutuu biyyaatti duulli dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa miiliyoona 800 guyyaa tokkotti dhaabuu bara 2018 gaggeeffamaa akka jiru ni beekama.

Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaa ibsa kennaniin akka eeranitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kanaan hanga sa'aatii 10:30tti biqiltoonni miiliyoona 765tuqaa 7 dhaabamaniiru.

Kunis karoora qabame keessaa dhibbeentaa 96 (96%) kan dhaabame ta'uu eeruun, jiraattotni miiliyoona 24 tuqaa 7 irratti hirmaachuu isaaniis ibsaniiru.

Lafa hektaara kuma 278 ta'uus hojii biqiltuu dhaabuu kanaan uwwifamuun ibsameera.

Ashaaraan Magariisaa yaadama mootummaa ida'amuu bifa qabatamaatiin kan irratti mul'atedha jedhaniiru ministirichi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015