Tamsaasa Kallatti:

Daangaa Biyyaa Eegsisaa, Ashaaraa dhalootatti darbu waloon keenyeerra

Adoolessa 27/2018 (ENA) : Daangaa biyyaa eegsisaa, Ashaaraa dhalootatti darbu waloon keenyeerra jedhan hoggantoonnii fi miseensonni Ajaja Kaaba Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa.

Miseensonni fi hoggantoonni Ajaja kaaba Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo mata duree "Abdii haa dhaabnu" jedhuun gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataniiru.

Gaggeessaan hojii faayinaansii Ajaja kaaba Bahaa Koloneel Biraanuu Xilaayee wayita sana akka jedhanitti; Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama biyyaaleessaa ba'achuu bira darbee hojiiwwan misoomaa garaagaraa irratti hirmaachaa jira.

Keessattuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaachuun hojiiwwan dhalootatti darban irratti gahee isaanii bahachaa jiraachuu isaanii addeessaniiru.

Itti Gaafatamaan Miidiyaa fi Qunnamtii Uummataa Ajaja Kaaba Bahaa kumalaa Tsaggaayee Gabree gama isaaniitiin; Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyaa kamirrattuu aantummaa uummaataaf qabu agarsiisuun dirqama isaa ba'achaa jira jedhan.

Daangaa biyyaa eegsisuu cinaattis hojiiwwan misoomaa uummataaf faayidaa dinagdee argamsiisanirratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiraachuu eeraniiru.

Miseensa Raayyaa ittisaa sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa irratti argamuun ashaaraa isaanii kaa’an Itti aanaan ajajaa dhibbaa Haannaa Takkaa Raayyaan hojiiwwan uummata fayyadamoo taasisan irratti hirmaachuudhaan aantummaa uummataaf qabu cimsee itti fufa jedhaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoo irratti hirmaachuudhaan hojii biyyattiin jijjiirama qilleensaa ittisuuf qabatte deeggaruun gaheesaanii bahachaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantichi dhiibbaa jijiirama qilleensaa dandamachuu fi hir’isuuf faayidaa olaanaa waan qabuuf hojii dhaabbii biqiltuu irratti ashaaraa isaanii kaa'uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015