Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa - ENA Afaan Oromoo
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise.
Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera.
Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru.
Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru.
Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru.
Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru.
Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru.
Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.