Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira

Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise.

Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira.


Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera.

Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani.

Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru.


Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru.

Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira.

Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.

 

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015