Waancaa Addunyaarratti Kooriyaan Kibbaa Injifannoo argatte - ENA Afaan Oromoo
Waancaa Addunyaarratti Kooriyaan Kibbaa Injifannoo argatte
Waxabajjii 5/2018 (ENA)- Tapha lammaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti, Kooriyaan Kibbaa durfamuurraa kaatee Rippabliika Cheek 2 fi 1’n mo'atteetti.
Taphni Ramaddii Tokkoffaa Istaadiyaamii Guwaadilaahaaraatti gaggeeffamee fi ganama kana xumurame irratti, Laadislav Kireeychii daqiiqaa 59ffaa irratti goolii galcheen Rippabliik Cheek akka dursitu taasiseera.
Galchii Waangi In-boom daqiiqaa 67ffaa irratti fi Yoon-giyuu Oo daqiiqaa 80ffaa irratti lakkoofsisaniin Kooriyaan Kibbaa akka injifattu taasiseera.
Kooriyaan Kibbaa adeemsa itti fufiinsaan daqiiqaa 30’n dhumaa irratti agarsiisan gooliiwwan kana akka lakkoofsisan isaan dandeessiseera.
Ramaddii kanaan tapha banamiinsa Waancaa Addunyaa kaleessa gaggeeffameen, Meeksikoon Afriikaa Kibbaa 2 fi 0’n mo'achuun ishee ni yaadatama.
Taphni Meeksikoon Kooriyaa Kibbaa waliin, akkasumas Afriikaan Kibbaa Rippabliika Cheek waliin taasisan taphoota ramaddii kanaan gara fuulduraatti eegamaniidha.