Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuun alatti isportesitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Poolisiin Finfinnee hojii nageenya kabachiisuun alatti isportesitoota kabaja biyyaa olkaasan horachaa jira
Waxabajjii 5/2018 (ENA) – Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Magaalaa Finfinnee hojii nageenya kabachiisuu itti kennameen alatti, isportessitoota kabaja biyyaa addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu Ajajaan Qajeelchichaa Letanal Jeneraal Asiraat Deeneeroo ibsan.
Qajeelchi walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee ispoortessitoota miseensa poolisii bara 2018tti qabxii olaanaa galmeessisaniif guddina sadarkaa, badhaasa maallaqaa, akkasumas sagantaa beekamtii fi galateeffannaa qopheessee jira.
Ajajaan qajeelcha walii galaa olaanaan Poolisii Finfinnee Letanal Jeneraal Asraat wayita sana akka jedhanitti, Adeemsi Filannoo Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan guutummaatti nagaa fi tasgabbaa'aa ta'ee akka xumuramuuf poolisiin gahee murteessaa bahateera.
Kanaafis miseensota poolisii magaalattii hundaaf galata guddaa dhiyeessaniiru.
Poolisiin Finfinnee hojii nageenya eeguu dabalataan, isportessitoota kabaja biyyaa dirree ispoortii addunyaarratti ol kaasan horachaa jiraachuu isaas dubbataniiru.
Ispoortessitoonni dhaabbaticha keessaa bahan dorgommiiwwan ardii fi addunyaarratti injifannoo argachuun medaaliyaa hedduu galmeessisuun kabajni biyyaa addunyaa irratti akka calaqqisu gochuu isaanii ibsaniiru.
Milkaa'inni jajjabeessaan kun argamuu kan danda'e isportessitoota bakka bu'an horachuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamuu isaatiin ta'uu dubbataniiru.
Sagantaan beekamtii taasifame kun isportessitoota injifatan jajjabeessuuf kan kaayyeffate yoo ta'u, gara fuulduraattis dhaabbileen poolisii madda isportesitoota bakka bu'anii akka ta'an xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.
Isportessitoonni guddina sadarkaa fi badhaasa argatan gamasaniitiin akka jedhanitti, badhaasni kun hojiiwwan keenya darbaniif beekamtii kennuu bira darbee, gara fuulduraatti cimnee hojechuun biyyaa fi kilaba keenya bu'aa caaluun waamsisuuf haamlee nutti uumeera jedhaniiru.