Tamsaasa Kallatti:

Istaadiyeemiiwwan Waancaa addunyaa keessummeessan 16'n

Waancaa addunyaa Fiifaan 23ffaa Ameerikaa, Meeksikoo fi Kaanaadaan wal ta’uun kan qopheessan har’a ifatti eegalama.

Dorgommiin kun seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyoota hirmaatan 32 irraa gara guyyoota 48tti kan guddisudha.

Istaadiyeemota tapha kana keessummeessuuf filataman-

Istaadiyeemota Ameerikaa keessatti argaman

1. Istaadiyeemii Meetlaayif (Niwuyoork/Niwujeersii), daawwattoota 82,500, tapha 8 keessummeessa.

2. Istaadiyeemii Etii Endi Tii (Daalaas,Teeksaas), daawwattoota 94,300 keessummeessa, hunda caalaa isa guddaadha, taphoota9 keessummeessa.


 

3. Istaadiyeemii Soofii (Loos Anjalas, Kaaliifoorniyaa) daawwattoota 70240 qabata, taphoota saddet keessummeessa.

4. Istaadiyeemii Mersadiis Beenzi (Atilaantaa, Joorjiyaa), daawwattoota 71,000 qabata, taphoota 8 keessummeessa.

5. Istaadiyeemii haardi rook (Miiyaamii, Filooriidaa),daawwattoota 64,767qabata, taphoota 7 keessummeessa.

6. Istaadiyeemii Arowu heed (Kansaas Siitii, Miizuurii) dawwattoota 76,416 qabata,taphoota 6 keessummeessa.

7. Istaadiyeemii Enerjii(Hiiwusten, Teeksaas),daawwattoota 72.220 qabata, taphoota 7 keessummeessa.

8. Istaadiyeemii Jiileet (Boostan,Masachuseetis), daawwattoota 65,878 qabata, taphoota 7keessummeessa.

9 Istaadiyeemii Liinkan Faayinaanshaal Fiildi(Fiilaadelfiyaa, Pensilveeniyaa), daawwattoota 67,594 qabata, taphoota 6 keessummeessa.


10. Istaadiyeemii Luman Fiildi(Siiyaatil, Waashiingitan)

11. 11. Istaadiyeemii Leeviis (Saan Firaansiiskoo,Kaaliifoorniyaa), daawwattoota 68,500qabata, taphoota 6 keessummeessa.

Istaadiyeemota Meeksikootti argaman

12. staadiyeemii Azetekaa (Meeksikoo Siitii)daawwattoota 87,523 qabata, taphoota shan keessummeessa.

13. Istaadiyeemii BIBIVIE(Montereeyi), daawwattoota 53,500 qabata, taphoota 4 keessummeessa.

14. Istaadiyeemii Akiroon (Guaadlahaaraa),daawwattoota 48,071 qabata, taphoota 4 keessummeessa.

Istaadiyeemota Kaanaadaatti argaman

15. Istaadiyeemii Biisii Pilees (Vaankuveer), daawwattoota 54,500 qabata, taphoota 7 keessummeessa

16. Istaadiyeemii Tooroontoo (Tooroontoo), daawwattoota 45,000qabata, taphoota 6 keessummeessa.

Walumaa gala taphoota 104 keessaa Ameerikaan 78, Meeksiikoo fi Kaanaadaan haala wal fakkaataan tapha 13 keessummeessu.

kaataan tapha 13 keessummeessu.

 


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015